Luba Dr. Gammachiis Dastaa haadha manaa isaani addee Naasisee Baaroo Tumsaa waliin ijoollee Haacaaluu Hundeessaa sadan karaa barnootaatiin itti gaafatamaa isaa fudhatanii barsiisuuf waadaa galaniiru | BBC News Afaan Oromoo
“Waa’ee barnootaa fi guddina ijoollee Haacaaluu irratti maatiin yookan haati warraa Haacaaluu dhiphachuu hin qabdu. Nuti waan kana dhibbumaa dhibbatti ittigaafatama isaa fudhanneerra” jedhan.
Barnoota oolmaa daa’immaniitii hanga kutaa 12ffaatti baasii hunda danda’uun akkasumas konkolaataa mana barumsaatii gara manaa ittiin deddeebi’an akka ramadaniifis ibsan.
Manni Barumsaa ijoollee Haacaaluu itti barsiisuuf murteessan kuni (Cambridge International Acadamy) mana barumsaa qulqullina olaanaa qabu akka ta’es dubbatu.
Ijoolleen Haacaaluu sadan yeroo barnoota koolleejjiin duraa xumuranis biyyoota Ingiziil fi Ameerikaa keessaa kan isaan filatanitti akka deemanii barataniif haala mijeessuufis waadaa galuu isaaniis himan.
Maddi: BBC
