Tue. Oct 3rd, 2023

Namoonni 900 ol yakkoota adda addaarratti hirmataniiru jedhamanii shakkaman to’ataman

Magaalaa Finfinneetti qaamolee dhuunfaa yakkoota garaagaraa raawwachuun shakkamanii to’annoo jala oolaan 900 olii dhimmisaanii qulqullaa’aa akka jiru Komishiniin Poolisii magaalichaa beeksiiseera.

Komishinichi eeruu ummataa bu’uura taasiisuun kutaalee magaalaa torba keessaa iddoolee filataman 20tti Caamsaa 22 bara 2013 oppereeshinii gaggeesseen namoota dhuunfaa yakkoota garagaraa raawwachaa turan 999 to’annoo jala oolchuu ibseera.

Dhimmi namoota kanneenirratti qorannoo gaggeessaa jiraachuu eereera.

Shakkamtoota kunneen keessaa harki caalu maloota adda addaa fayyadamuun guyyaan daandirratti saamicha Bilbilaa, Faaya mormaa, Boorsaafi qabeenya garaagaraa raawwachaa turuusaanii Komishinichi ibseera.

Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee nageenyaa fi tasgabbii magaalichaa eegsiisuuf hojii hojjetu cimsee kan itti fufu ta’uufi jiraattoonni magaalichaa namoota dhuunfaa sodaa nageenyaa ta’uu danda’an wayita argan odeeffannoo laachuun deeggarsarraa eegamu akka bahatan dhaamuusaa beekameera.

Maddi: Gaazexaa Bariisaa

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply