Sosochiin Gareen ABUT iddoolee 8tti taasiisaa ture Raayyaa Ittisaan barbaadaa’uu ibsame

Sosochiin Gareen ABUT iddoolee 8tti taasiisaa ture tarkaanfii Raayyaan Ittisaa fudhateen barbaadaa’uu Qindeessaa Olaanaan Damee Ijaarsaa Raayyaa Ittisa Biyyaa leetanaal Jeneraal Baacaa Dabaleen ibsaniiru.

Leetanaal Jeneraal Baacaa Dabaleen haala waqtaawwaarratti ibsa laataniiru.

Garichi naannoo Tigraay iddoolee 8tti sosochiin taasiisaa ture tarkaanfii Raayyaan Ittisaa fudhateen barbaadaa’uu ibsaniiru.

Kaaba Bahaa, Kibba Bahaa fi iddoolee birootti Raayyichi Teeknooloojii barbaachisaa ta’e fayyadamuun tarkaanfii fudhateen gareen Juuntaa barbadaa’uu Leetanaal Jeneraal Baacaan ibsaniiru.

Hidhattoonni hedduun abdii kutachuun harkaa laachaa jiraachuu himaniiru.

Naannichatti iddoolee leenjii xixiqqoo fi eegdoota hoggantoota garichaarratti tarkaanfiin fudhatamuu fi to’annoo jala oolchuun danda’ameera jedhan.

Garichi kana booda humna biraa qabatee itti fufu hin danda’u jedhaniiru.

Garichi daandiwwan gara magaalaa Maqalee geessaan cufuun deeggarsa namoomaa guyyaa guyyaa fi tajaajila hawaasaa laatamu gufachiisuuf socho’aa turuu Leetanaal Jeneraal Baacaan ibsaniiru.

Gareen ABUT karaa Sudaaniin miliquuf yaalaa jiraatus Raayyaan Ittisaa kallattii hundaan qophii ga’aa taasiisuu himaniiru.

Maddi: FBC

Become a Sponsor

By admin

Ethiopians Today is Ethiopian #1 News Website. It is multilingual website that will share news update across the country and East of Africa. We have multiple authors over the World and actively working to release news updates about all Ethiopian nations. We believe in equality of all Ethiopian Nation, Nationalities, and People.

0 0 votes
Article Rating
Subscribe
Notify of
guest
0 Comments
Inline Feedbacks
View all comments
0
Would love your thoughts, please comment.x
()
x
Advertisements