“Oduu, ebelu ajjeefame, buqqa’e, godaane” jedhu dhagahuu hinfeenu” -Yuuba Aagaa Xiinxanoo

Yuuba Aagaa Xiinxanoo

Ummanni Oromoo hammam sirna cunqursaa jala turus aadaa dimokraatummaa ganama ittiguddate dhalootaaf dabarsuuf aadaa dimokraasii ittiguddateen aangoo baalliin waliif dabarsaa tureera, ammas ittuma jira.

Cunqursaa hadhaa’aa jaarraa tokkoofi walakkaa oliif irra gahaa tureef osoo hinjilbeeffatiin aadaafi duudhaasaa dimokraatawaa  karaa sirna Gadaatii baallii aangoo waliif dabarsaa dhaloota qaraa asiin gahe.

Duudhaansaa kunis fakkeenya gaarii dimokraasii dhugaan irraa baratamu ta’uusaatiin addunyaa biraafillee galtee ta’ee akka tajaajiluuf ‘UNESCO’tti galmaa’eera.

Jaarraa 21fa kana keessa wayita barnoonni ammayyaa babal’atetti dimokraatawaa ta’anii aangoo walii darbarsuun osoo jiruu walitti deebi’ee walwaraanuun Oromoo daran kan isaan yaaddessu ta’uu Yuubni Lammaffaan Gujii (Abbaan Gadaa duraanii Gujii) Aagaa Xiinxanoo dubbatan.

Yuubni Aagaa Xiinxanoo turtii dheengadda Baazexaa Bariisaa wajjin Finfinneetti taasisaniin Oromoon saba dimokraatawaarraa dhalatee dimokraasii dhugaaf fakkeenya ta’a jedhamee wayita yaadamutti aangoof jecha waraana walitti banee walajjeesuunsaa fafummaadha jedhu.

Akkuma, “Harki harka hin nyaatu” jedhamu Oromoon waliin duulee sirna gabroomfataa buqqise irree tokkoon ka’ee dimokraasii itti guddateen addunyaa biroof fakkeenya ta’uutu isaaf mala ture jedhu.

Addunyaan dimokraasii nurraa dhaale jechaa asii waliti deebi’anii waljifachuun fafummaadha jedhanii, qondaaltonni siyaasaa Oromoo walitti dhufanii rakkoosaanii mariidhaan hiikkachuun fala jedhaniiru.

Gadaan itti guddanne Gadaa dimokraasiiti, baalliinis kan darbu karaa nagayaani malee waraana walitti banuun, obboleessi obboleessa ajjeesuun akka hintaane dubbatu.

Nuyi addunyaaf fakkeenya jechaa keessaa walwaraanaa waldhiigsaa, walhidhaa, walsakaalaa deemuun naamusa Gadaatiin ala jedhanii rakkooleen jiran ilaafi  ilaameen hiikamuu qabu jedhaniiru.

Yuubichi ofii waldhadhabnee orma komachuun qe’ee ofiirratti waldhibuun salphina ta’uullee yaadachiisanii, qondaaltonni siyaasaa Oromoo biyya keessaas alas jiran walitti dhufanii nageenya Oromiyaafi Itoophiyaatiif furmaata kennuun murteessaa ta’uu dubbatu.

Har’a garuu wanni akka biyyaattis ta’e Oromiyaatti darbee darbee mul’atu daran saalfachiisaadha jedhanii, araaraaf ammallee yeroon akka hindabarre ibsaniiru.

Mootummaan aangoora jirus ta’e warri kaan erga Oromiyaaf hojjechuuf kaayyoo qabaatanii nageenya lammiileesaaniif quuqamuun irra jiraata jedhan.

Oduu, “Oromoos ta’e sabni kamuu ajjeefame, buqqia’e, godaane” jedhu dhagahuu hinfeenu jedhanii, seera Gadaatiin ummata kana walitti qabee yaada tokkoon hogganuuf hunduu dirqamasaa bahachuu akka qabu dhaamaniiru.

Oromoon walitti deebi’ee walsakaaluunsaa ormaaf karaa saaquufi gabrummaa boquu sabichaatti deebisuu waan ta’eef yerichi Oromoof murteessaa ta’ee argama jedhan.

Rakkoon kun bulee ka’ee haaraa akka hinbulle Oromoofi Oromiyaa ceessisuuf akkasumas dirree misoomaafi nageenyaa taasisuuf ilaalcha siyaasaatiin osoo walhinqoodiin tokkummaan hojjechuun fala ta’uu yuubichi dhaamaniiru.

Mootummaanis ta’e paartiileen kuun araaraaf gurra kennuun furmaata ta’uus eeranii,  walwaraansaan badii malee injifannoon argamu hinjiru jedhaniiru.

Kun waan ta’eef mariifi gorsa jaarsa Gadaatiin araara buusanii egeree lammiilee Oromiyaas ta’ee biyyaa miidhagsuuf waldhagahuun furmaata ta’uu eeraniiru.

Become a Sponsor

By admin

Ethiopians Today is Ethiopian #1 News Website. It is multilingual website that will share news update across the country and East of Africa. We have multiple authors over the World and actively working to release news updates about all Ethiopian nations. We believe in equality of all Ethiopian Nation, Nationalities, and People.

0 0 votes
Article Rating
Subscribe
Notify of
guest
0 Comments
Inline Feedbacks
View all comments
0
Would love your thoughts, please comment.x
()
x
Advertisements