Baankiin Siinqee Hundeeffame

Waldaan Aksiiyonaa Liqii fi Qusannoo Oromiyaa (WALQO)-n labsii lakk. 626/2009 fi qajeelfama Baankii Biyyoolessaa lakk. SBB/74/2020 bu’uura godhachuun murtoo abbootii akisyoonaa fi kallattii mootummaa naannoo Oromiyaatiin moggaasa maqaa “Baankii Siinqee” jedhu qabatee gara baankiitti ce’eera.

Baankiin Siinqee kaappitala kaffalame qarshii biiliyoona 7.4 akkasumas kaappitala Subscribed ta’e biiloyoona 15 galmeessisuudhaan hundeeffame. Baankiin kaappitaala guddaa fi dameewwan 400 ol qabaachuun hundaa’uun isaa baankii Daldala Itoophiyaatti aanuun baankii isa guddaa isa taasisa.

Baankiin Siinqee yeroo hundeeffamu mul’ata guddaa qabateeti. Mul’atni baankii kanaa waggoottan shanan dhufan keessatti akka Itiyoophiyaatti baankii dursaa (the leading bank) ta’uufi waggoottan shan itti aanan keessatti ammoo baankiwwan Afriikaa gurguddoo kurnan keessaa isa tokko ta’uudha.

Baankiin keenya baankii dursuufi dorgomaa ni ta’a yeroo jennu bu’aan isaa kan madaalamu hojii guddina diinagdee uummata keenyaa mirkaneessu hojjechuudhaani. Keessattuu, baankichi bu’uura hawaasa keenyaa bal’aa kan ta’an dubartootaafi qonnaan/ horsiisee bultootni naannoo keenyaa diinagdeedhaan akka ciman gochuuf tajaajila maayikroo faaynaansii fi tajaajila baankii idilee walitti qindeessuun kan ummata tajaajilu ta’a.

Biyyi keenya jijjiirama keessa jirti. Qabsoo uummata keenyaafi hooggansa jijjiiramaatiin fedhiin guddina diinagdee bal’aan uumameera. Badhaadhinni akka biyyaatti yaadames bu’uura uummataa akka qabaatuuf hundeen isaa maatii akka ta’u hojjatamaa jira. Sadarkaan guddinaa akka naannoo keenyaa fi biyyatti yeroo ammaa irra geenyee jirruun ammoo taajaajila maayikroo faayinaansii qofa osoo hin taane tajaajila baankii idilees bal’inaan nu barbaachisa.

Qonnaan bultoonni moodeela ta’anii waggaa waggaan jijjirama guguddaa agarsiisaa dhufan, tajaajila liqii fooyya’aa hojiiwwan misoomaa gugguddaa ittiin hojjatan fedhu. Baankiin Siinqee fedhii kana guutuuf hojjeta.

Dargaggoota keenyahojiitti galuuf maallaqa ka’umsaa (start up finance) barbaaadu. Baankiin Siinqee fedhii faayinaansii dargaggoota keenyaa dabalaa dhufe guutuuf xiyyeeffatee hojjeta.

Baankiin Siinqee fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuurrattis xiyyeeffannaa olaanaa ni kenna. Baankichi gaafa maqaa “Siinqeen” moggaafamu hawaasa mara akka fayyaduufi. Haa ta’u malee maqaadhaan qofa osoo hin ta’in gochaan dubartootaaf madda faayinaansii ta’uudhaan guddina misooma biyyaa keenyaa keessatti shoora olaanaa akka bahan ni taasisa. Akkuma Sirna Gadaa keessatti Sirna Siinqee tolfatanii mirgootasaanii ittiin kabachiifatan akkasumas aadaafi dhudhaasaanii ittiin kunuunfachaa turan Baankii Siinqee “Kiyya” jedhanii akka maallaqa itti qusatan, akka irraa liqeeffatanii badhaadhina biyya keenyaa saffisiisan ni godhama.

Ce’umsi dhaabbatichi gara baankiitti taasises ergama hiyyummaa xiqqeessuufi guddina diingdee uummata keenyaa bifa hunda-galeessa fi kutaalee hawaasaa mara hammateen milkeessuufi. Kana jechuun, xiqqeeffannaa armaan dura kutaalee hawaasaa galii gadi-aanaa qaban, qonnaan bultoota, hoji-dhabeeyyii fi daldaltoota giddu-galeeyyiif kennamaa ture daran cimsee itti fufsiisuun dabalataan ammoo hojiwwan misoomaa sadarkaa olaanaatti abbootii qabeenyaafi dhaabbilee adda addaatiin hojjetaman tumsuun tajaajila faayinaansii hunda-galeessa kennuudha. Kanaaf, Baankiin Siinqee hoji-dhabeeyyiitii hanga dureeyyii (abbootii qabeenyaa) tti tajaajiluun guddinni diinagdee uummata naannoo keenyaa bifa madaallii eegeen akka ta’u ni taasisa.

Kana malee, baankiin kun rakkoo sharafa alaa dhaabbilee misoomaa naannoo keenyaatti hudhaa ta’an furuuf dirqama isaa ni bahata. Hudhaalee misoomaa biyya keenya keessatti mul’atan keessaa inni tokko hanqina sharafa alaati. Keessattuu, hojiin misoomaa naannoo keenya keessatti hojjetaman dafanii akka xummuramaniif dhiheessiin sharafa alaa murteessaadha. Kanaaf, Baankiin Siinqee fedhii sharafa alaa naannicha keessatti mul’atu guutuuf shoora mataa isaa ni qabaata.

Baankiin Siinqee ambaasaaddara uummata Oromootis. Ce’umsi WALQO gara baankiitti taasise moggaasa maqaa ‘Siinqee’ jedhu qabachuun isaa sirna siinqee kan calaqqee sirna gadaa Oromoo ta’e beeksisuufi barsiisuufi. Baankiin kun hojii diinagdee uummata Oromoo guddisuun cinatti aadaa fi duudha uummatichaa addunyaaf beeksisuuf ergama ni qaba. Kanaaf, Baankiin keenya bakka bu’aa (ambaasaaddara) uummata Oromooti jechuun ni danda’ama.

Mul’ata baankii sinqee dhugoomsuuf ummata Keenya irraa eegama armaan gadiitu eegama. Tokkoffaa, namni hundi akkaawuntii baankii sinqee banachuu, lammaffaa baankicha waliin hojjechuu, maallaqa biyya alaarraa ergamu karaa baankichaa erguun humna baankichaa cimsuu, baankichi qabeenyaa ummata Oromoo ta’uu hubachuun tiksuutu irraa eegama.

Sirni Hundeeffama Baankii Sinqee, Magaalaa FInfinne Hootela Sharaataan Addisitti bakka keessoomotni kabajaa argamanitti geggeeffamaa jira.

Source: Addisu Arega Kitessa

Become a Sponsor

By admin

Ethiopians Today is Ethiopian #1 News Website. It is multilingual website that will share news update across the country and East of Africa. We have multiple authors over the World and actively working to release news updates about all Ethiopian nations. We believe in equality of all Ethiopian Nation, Nationalities, and People.

0 0 votes
Article Rating
Subscribe
Notify of
guest
0 Comments
Inline Feedbacks
View all comments
0
Would love your thoughts, please comment.x
()
x
Advertisements