Fri. Mar 29th, 2024

Loading

“Abbaa Jifaar Lammaffoo”
Turtii Artii Tiyaatiraa


Tiyaatirri waa’ee seenaa Mootii Abbaa Jifaar lammaffa irratti fuulleffatu guyyaa kaleessaa Yunvarsiitii Jimmaa galma amfii tiyaatiraatti eebbifame


Tiyaatirichi Zalaalam Tafarii fi gargartuu qopheessituu Seenaa Abraamiitiin kan barreeffamee fi kan qophaa’ee yoo ta’u barattoota tiyaatiraa waggaa sadaffaa barataniin taasifame (hojjatame).
Leellisaa Fayyisaa muuziqaa qindeessuun barattoonni mana barnoota muuziqaa Alii Birraa immoo muuziqaa meeshaan qindeeffame taphataniiru.


Hooggantoonni olaanoo Yunvarsiitii Jimmaa, keessummoonni affeeramanii fi barattoonni sagantaa eebba tiyaatiricha irratti argamaniiru.
Prieezidaantiin Yunvarsiiitii Jimmaa Doktar Jamaal Abbaa Fiixaa, tiyaatiricha erga daawwatanii booda, tiyaatirichi qabeenya qabnu gadifageenyan laaluun waa hedduu akka hojjachuun danda’amu akkasumas Jimmi biyya seenaa artii tiyaatiraan badhaatuu ta’uushee kan nu hubachiise jedhan. Waan laalaniin hawwatamuun, pireezidaantichi tiyaatirichi akka Oromiyaa fi Itoophiyaa guututti agarsiifamuuf waadaa seenaniiru.


Fuuldurattis kutaaleen barnoota artii hojiilee artii dinqisiisoo danuu nuu dhiyeessuu akka danda’an abdii irraa qabaachuu isaaniis ibsaniiru.


Tiyaatirichi seenaalee dagataman qotee baasuun seenaa fulla’aa dhaloota boriif dabrsuu dabalatee, tiyaatirichi barnootni daree jechaan baratamu akkamitti akka gochaan muldhatu kan caalatti calaqqisiisedha jedhan.


Maddi: Fuula Facebook WDhKM Godina Jimmaa

Follow us on:

YOUTUBE  FACEBOOK TELEGRAM GOOGLE NEWS TWITTER  INSTAGRAM PINTEREST

Subscribe and Follow us via Email

If you have any comment regarding this article contact us at contact@ethiopianstoday.com

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply