Wed. Oct 4th, 2023

Uummanni Tigiraayi rakkoo hamaaf akka hinsaaxilamneef mootummaan federaalaa xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jira- Dr. Muluu Naggaa

Hojigaggeessaa olaanaan Bulchiinsa yeroo Naannoo Tigiraayi Dr. Muluu Naggaa, uummanni Tigiraayi rakkoo hamaaf akka hinsaaxilamne mootummaan federaalaa xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jira jedhaniiru.

Hanga ammaatti haala amma jiruun lammileen tilamaaman miiliyoona 2.5 ta’an deeggarsa akka barbaadan himaniiru.

Hojigaggeessichi Gaazeexaa Addis Zamanitti akka himanitti, yeroo juuntichi aangoorra turetti, kutaaleen hawaasaa naannichaa lakkoofsi isaanii olaanaa ta’an seeftineetiin bitamuun jiraachaa akka turan himaniiru.

Sababa duula olaantummaa seeraa kabachiisuun lammiileen qe’eesaanirraa buqqa’anis yeroo ammaa kana deeggarsa namoomaa akka barbaadan Dr. Muluun himaniiru.Dh.P.I

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply