![]()
Mana barumsaa Bultii Addaa WMOtti barattoonni %37’tti siqan qabxii 600 fi isaa ol galmeessisan
Barattoonni mana barumsaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa (WMO) qormaata biyyaalessaa kutaa 12fa fudhatan 46 ta’an qabxii 600 ol gameessuusaanii, Daarektarri Mana barumsicha Damee Adaamaa ,Obbo Abbabaa Zawudee OBN’tti himaniiru.
Akka Obbo Abbabaan jedhanitti, barattoota 125 qoraman keessaa barattoonni 46, qabxii 600 fi isaa ol galmeessaniiru.
Barattoota 125 qormaata fudhatan keessaa 52 dubartoota yoo ta’an, barattoota qabxii olaanaa galmeessan 46 keessaa 9 dubartoota jedhameera.
Barattoonni 500-600 fidan 75 yoo ta’an barattoonni 4 ammoo qabxii 400 keessa galmeessaniiru.
Barattoonni arfan dhibba afur keessa galmeessan kunneenis rakkoo fayyaafi hawaasummaa kanneen qaban jedhameera.
Qabxiin olaanaa mana barumsichatti galmaa’e 653 ta’uus Obbo Abbabaa himaniiru.
Mana barumsaa Bultii Addaa WMO Damee Adaamaatii barataa Naa’ol Saamu’el qabxii 653 galmeessuun rikardii qabxii olaanaa mana barumsichatti qabame ture fooyyesseera jedhan.
Barataa Eeliyaas Shaanqoo ammoo qabxii 650 galmeessuun qabxii olaanaa mana barumsichaa isa 2fadha.
Bara darbe qabxiin olaanaa 600 keessa galmaa’e 3 yoo ta’u, qabxiin olaanaan galmaa’es 610 ta’uu eerameera.
