Wed. Oct 4th, 2023

Raayyaan Ittisa Biyyaa “Namoota nagaa naannoo Tigraayi fixeera” jechuun ergamtoota garee Juuntaan daddarba ture odeeffaannoo sobaa qindaa’e ta’uu Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa beeksise.

Odeeffannoo sobaa kana miidiyaa hawaasa adda addaa irratti viidiyoon gadhiifame ture ergamtoota garee Juuntaan kan qindaa’e ta’uufi uummata burjaajjeessuuf kan hojjetame ta’uu ibsame.

Daarektarri Olaanaa Indooktirineshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa Mejeer Jeneeral Mahammad Tasammaa Raayyaan Ittisa Biyyaa tarkanfii duula seera kabachiisu gaggeesseen gareen finxaleeyyii TPLF barbaada’aniru jedhan.

Ta’us garuu ammas hafteen garee kanaa bosona keessa socho’aa kan jiran ta’uufi darbe darbee uummata saamaa, gidirsaafi ajjeessa jiru jedhameera.

Ergamtoonni garee finxaaleyyii kun gocha ajjeechaa humna garee Juuntaa hidhateen raawwate kana viidiyoon deeggaruun gocha Raayyaan Ittisa Biyyaan raawwate fakkeessuun miidiyaa hawaasa adda adda irratti raabsa turu Mejeer Jeneeral Muhammad himan.

Gareen Juuntaa TPLF humnoota Alaan fudhatama argannerra jechuun dargaggoota burjaajeessuun gocha badii isaaniif isaan hiriirsuuf yaaliin taasisaan kan hin milkoofne ta’uu ibsaniiru.

Yeroo ammaa hafteen garee Juuntaa Naannoo Tigraayi keessatti fudhatama waan hin qabaneef lammiilee irratti saamichaafi yakka ajjeechaa raawwachu itti fufaniiru jedhame.

Hafteen garee Juuntaa to’achuuf deeggarsa ummanni Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasisaan Mejeer Jeneeral Mahammad dinqiisifachuun gara fuula duraas akka cimuu qabu gaafataniiru.

OBN

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply