Thu. May 19th, 2022

Mootummoonni naannoo Afaarii fi Soomaalee walitti bu’iinsa tibbana muudate karaa nagaan furuuf waliigalan

May be an image of one or more people, people standing and office

Jilli hoggantoota olaanoo Preezdaantoota naannoo Afaarii fi Soomaaleen durfamu walitti bu’iinsa tibbana daangaa naanolee lamaanii gidduutti muudate karaa nagaan furuuf waliigalaniiru jedhame.


Preezdaantoonni lameen mariisiisummaa Ministira Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kamiiliin har’a waliigalteerra ga’aniiru.
Waltajjii marii hoggantoonni olaanoon naannolee lamanii fi qaamoleen nageenyaa Federaalaa irratti hirmaaataniin walitti bu’iinsa daangaa naannolee lamaan gidduutti muudate ariitiin dhaabsiisuu fi yeroo itti aanu rakkicha furuuf waliigaluu isaanii ragaan Ministeera Nageenyarraa argame ni muul’isa.

 71 total views,  3 views today

By Chala Dandessa

Name: Chala Dandessa. I was born in West Shewa Zone, Chobi District of Oromia Region, Ethiopia in 1989. Founder of Ethiopians Today Website Currently I am Lecturer at Jimma Teachers College. Peace and Unity for our country! https://ethiopianstoday.com

Leave a Reply

error: Content is protected !!
%d bloggers like this: