Sat. Dec 9th, 2023

Loading

Raashiyaan tattaaffii Ityoophiyaan nageenya naannichaa mirkaneessuuf taasiiftu kan deeggartu ta’uu beeksiifte

Tattaaffii Ityoophiyaan nageenya naannoo ishee fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuuf taasiiftu Raashiyaan kan deeggartu ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa Yaavgaanii Tarkiin ibsaniiru.
Raashiyaan misooma Teeknooloojii Niiwkileeraa hojii nageenyaarra oolchuuf Ityoophiyaa waliin kan hojjettu ta’uu ibsaniiru.
Ityoophiyaan nageenya naannoo ishee eegsiisuuf hojii hojjechaa jirtuuf Raashiyaan deeggarsa adda hin cinne ni taasiifti jedhan.
Mootummaan Raashiyaa naannoo Gaanfa Afrikaatti hojii nageenyaa calmaatti cimsuuf deeggarsa barbaachisu kan taasiisu ta’uu himaniiru.
Raashiyaa fi Ityoophiyaan damee kanaan hariiroo bara dheeraa qabaachuu ibsaniiru.
Mootumman Raashiyaa naannichatti tattaafii nagaa buusuuf hojjetamu kallattii hundaan deeggarsa hundagaleessa ni taasiifti jedhani Dhaabbata Preesii Ityoophiyaa waliin turtii taasiisaniin.

Maddi: FBC

Follow us on:

YOUTUBE  FACEBOOK   TELEGRAM    GOOGLE NEWS  TWITTER  INSTAGRAM   PINTEREST 

Subscribe and Follow us via Email

If you have any comment regarding this article contact us at contact@ethiopianstoday.com

 

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply