Mon. Dec 4th, 2023

Loading

Magaalaa Finfinnee keessatti Aadaa Ummata Oromoo dagaagsuuf piroojeektoonni gargaaraa baasii Birrii miiliyoona 800 oliin ijaaramaa jiru. -Obbo Kabbadaa Deessisaa.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Magaalaa Finfinnee keessatti Aadaa Oromoo sadrarkaa barbaadamuun guddisuuf piroojektootaa adda addaa baasii Biirri miiliyoona 800 oliin ijaarsisaa akka jiru Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa beeksise.


Hoogganaan Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Obbo Kabbadaa Deessisaa akka jedhaniiti Mootummaan Naannoo Oromiyaa misooma Aadaa Ummata Oromootiif xiyyeefannoo kenneen, baasii Birrii miiliyoona 800 oliin magaalaa Finfinnee iddoo saditti gamoowwan tajaajila adda addaaf oolaan afur ijaarsisaa jiraachuu ibsaniiru.


Piroojektoonni Magaalaa Finfinnee keessatti ijaaramaa jiran kunninis Mana Barumsaa Aartii Oromoo Tulluu Ejersaatti, iddoo qophiifi leenjii nyaata Aadaa Oromoo naannoo buufata Xiyyaara Idil-addunyaa Booleettiifi iddoo agarsisaafi gurgurtaa meeshalee Aadaa Oromoo Caffee Annanitti tahuu himan obbo Kabbadaan.


Piroojektoonni Magaalaa Finfinneetti ijaaramaa jiran kunniin eenyummaa Ummata Oromoo magaalaa Finfinnee keessatti deebisanii dagaagsuun cinaatti, Aartii Oromoo sadarkaa barbaadamuun guddisuufi nyaataafi meeshaalee Aadaa Oromoo beeksiisuun galiitti jijjiruudhan Tuurizimii OromoofI Oromiyaa beeksiisuuf gumaachi isaa laayyoo mitis jedhame.
Piroojektoonni kunniin bara 2012 kan eegalaman tahuufi raawwiin isaanii sadrkaa adda addaarra jira jedhame.
Tulluu Ejersaatti ijaaramaa kan jiruun Manni Barumsaa Aartii Oromoo gamoo mana barumsaafi bulchinsaa kan qabu, baasii Birrii miiliyoona 350 oliin dhibbeentaa 37 irra gaheera jedhan.
Naannoo buufata Xiyyaara Idil-addunyaa Booleetti ijaaramaa kan jiru piroojeektiin gamoo qophiifi leenjii nyaataa Aadaa Oromoo iddoo leenjiifi qophii nyaataa kan qabu ta’uufi baasii Birrii miiliyoona 200 oliin ijaaramaa dhibbeentaa 67 irra gaheera jedhan obbo Kabbadaan.


Akka OBN beeksiseetti Caffee Annaniitti ijaaramaa kan jiru piroojektiin agarsiisaafi gurgurtaa meeshalee Aadaa Oromoo baasii Birrii miiliyoona 250 oliin ijaaramaa dhibbeentaa 47 irra gaheera jedhan.
Piroojektoonni kunniin yeroo waggaa tokko hincaalle keessatti ni xumuramu kan jedhan Obbo Kabbadaan, Aartii Oromoo karaa saayinsaawaa ta’een guddisuufi nyaataafi meeshaalee Aadaa Oromoo haala gaariin beeksisuufi madda galii gochuudhaan eenyummaa Oromoofi Oromiyaa haalan barsiisuuf piroojektoonni kunniin gaheen isaanii olaanaadhas jedhan.

Maddi: OBN

Follow us on:

YOUTUBE  FACEBOOK   TELEGRAM    GOOGLE NEWS  TWITTER  INSTAGRAM   PINTEREST 

Subscribe and Follow us via Email

If you have any comment regarding this article contact us at contact@ethiopianstoday.com

 

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply