‘’OBN Yoomiyyuu Miidiyaa Tarkaanfataafi Jijjirama fiduuf Hojjeetuudha.’’- Daareekteerri Olaanaa OBN Gaazeexeessaa Zinaabuu Asraat.
Chaanaaliin 3ffaa OBN, OBN Gaammeen guyyaa har’aa bakka hoggantoonni Olaanoo Naannoo Oromiyaa argamanitti ni eebbifama.

OBN Chaanaalii 1ffaa Afaan Oromoon tamsaasuufi Chaanaalii 2ffaa ‘OBN Horn of Africa’ Afaanoota 17’n tamsaasu biratti, Chaanaalii 3ffaa OBN Gaammee guyyaa har’aa bakka hoggantoonni olaanoo naannoofi Fedeeraalaa fi miseensoonni Boordii OBN argamanitti kan eebbifamu tahu, Daareekteerri Olaanaa OBN Gaazeexeessaa Zinaabuu Asraat ibsaniiru.
OBN yoomiyyuu miidiyaa tarkaanfataafi jijjirama fiduuf hojjeetuudha kan jedhan, Obbo Zinaabuun, Chaanaalii 3ffaa OBN,OBN Gammee banuun kan barbaachiseef daa’imman seenaa, aadaafi afaanii isaanii beekanii akka guddtan gochuufidha jedhan.
Daa’immaniifi guddatootaa har’aatu boru biyya dhaala waan taheef, ilmaan keenya duudhaa sirna Gadaa Oromoo keessa jiru barsiisuuf,maalummaa Oromoofi Oromiyaa beeksissuufi Ijaarsa Itiyoophiyaa keessatti Oromoon gahee olaanaa qabu Chaanaalii kanaan ilmaan bashannansiisaa barsiifna jedhan Obbo Zinaabuun.
Sirna eebba Chaanaalii 3ffaa OBN,OBN Gammee kanaratti hogantonnii Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Fedeeraalaa,Miseensoonni Boordii OBNfi keessumoonni gara biroo ni argamu.
Maddi: OBN