Tue. Nov 28th, 2023

Manni Barnootaa Jeneraal Waaqoo Guutuu Sadarkaa 1ffaa damee sadiin kutaa Magaalaa kolfee keessatti barsiisaa jira.

Mana Barnootaa Jeneraal Waaqoo sadarkaa 1ffaa lakkoofsa 1 qofaa keessatti kutaa 1-8 tti barataa 1,121 barsiisaa jira.

Imaammata barnootaa Naannoo Oromiyaatiin bara kana barattoota kutaa 8ffaa 117 qormaataaf qopheessaniiru.

Mana barnootaa Jeneraal Waaqoo Guutuu lakkoofsa 2ffaan ammoo gamoowwan ijaarsisaa ture xumuruun har’a eebbiseera.

Manni barnootichaa barattoota 2,000 ol barsiisaa kan jiru, fedhii hawaasni mana barnootichaatti barsiifachuuf qabu guutuuf bu’aa olaanaa qaba jedhameera.

Hoogganaan Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Zalaalam Mulaatuu Magaalaa Finfinneetti Manneen Barnootaa 200 ol keessatti barattoonni kuma 50 ol ta’an, Afaan Oromoo, Afaan dhaloota isaaniin barataa jiruu jedhan.

Waggaa itti aanu baay’ina kana dachaa sadiin guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojiin barnoota Afaan Oromoo Magaalaa Finfinnee keessatti akkuma qabsoodhaan milkaa’e, ammas jireenyi uummata keenyaa akka fooyya’uuf hundu dhimmamee hojjechuu qaba jedhan.

Jiraattonni Magaalaa Finfinnee, barattoonniifi maatiin Jeneraal Waaqoo Guutuu babal’achuun manneen barnootaa Afaan Oromoo Finfinnee keessatti nu gammachiiseeraa jedhan.

Injifannoo argame kunuunfachaa kan caaluuf tarkaanfachuu qabnas jedhaniiru.

Madda: OBN

Follow us on:

YOUTUBE  FACEBOOK   TELEGRAM    GOOGLE NEWS  TWITTER  INSTAGRAM   PINTEREST 

Subscribe and Follow us via Email

If you have any comment regarding this article contact us at contact@ethiopianstoday.com

 

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply