Fri. Mar 29th, 2024

Loading

Yoo Barnootni sirraa’e waan hundatu sirraa’a!
Akka naannoo Oromiyaatti misooma barnootaa ialaalchii bara 2013 keessaa milkaa’inootni seena qabeessa ta’an galmaa’anii jiru.

  1. Tarkaanfii addaa MNO fudhateen pirojeektiin Ifa Boruu tiin manneen barnootaa 140 yeroo baatii torbaa keessatti ijaaramee akka xumuramuuf karoorfame milkaa’eera. Projeektiin Ifa boruu manneen barnootaa bultii addaa, Manneen barnoota addaa fi sadarkaa 2ffaa 140n ijaarsi isaanii guutummaa guutuutti xumuramuun bara barnootaa 2014f ga’uun seenaa raawwii pirojeektota naannoo keenyaa keessatti isa calqabaadha. Dabalataanis pirojeektoota manneen barnootaa bueeyyii 31 xumuruun tajaajila akka kennan taasifamee jira.
  2. Hojiiwwan kenna tajaajila lammummaa akka Biiroo Barnootaa Oromiyaatti bara bajata 2013 labsameen manneen barnootaa naannicha keessa jiran keessatti daree dabalataa 34,247 ijaaramee hojiif gaheera. Carraa kanaan gaaga’ama dhibeen COVID-19 seektera barnootaarratti geessise hir’isuudhaaf akkaataa pirotokoolii COVID-19tiin barattoota manneen barnootaatti deebisanii simachuun danda’ameera. Hojiiwwan kenna tajaajila lammummaatiin manneen dubbisaa, mana qulqullinaa, dahoo dubbisaa, ibsaafi bishaan manneen barnootaatiif guutuuf bal’inaan hojjetameera. Hojii kenna tajaajila lammummaa akka seektera barnootaatti hojjetameen hojii birrii biliyoona 5.2 raawwachuun danda’ameera.
  3. Tarkaanfiiwwan addaa akka seektera barnootaatti labsamaniin afaan Oromoo naannolee ollaa Somaalee, Affaariifi Sidaamaa keessatti akka baratamuufi utubaa ijaarsa biyyaafi sirna federaalizimii ta’ee akka tajaajiluuf bal’inaan hojjetameera. Dhaloonni duudhaa Oromummaatti akka deebi’uufi warraaqsi aadaa guddinaafi jijjiirama biyya keenyaa keessatti hiika qabu akka uumamuuf Sirni Gadaa akka gosa barnoota tokkootti kennamuu eegalee jira.
  4. Hojiiwwan gahumsa barsiisotaa guddisuuf raawwatamaniin baay’ina barsiisota qormaata gahumsa ogummaa darbanii %50 irra ture gara %94tti guddisuun danda’ameera. Hamilee hojii barsiisotaa dabaluufi raawwii isaanii giddu-galeessa godhachuun jajjabeessuuf hojii raawwatameen barsiisota 11,000 0l sadarkaa adda addaatti argamaniif beekamtiin kennameera.
  5. Fooyya’insa qabxii barattootaa ilaalchisee barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatanii qabxii 600 ol galmeessan kan bara daree 16 irra ture bara kana gara 152tti guddateera. Lakkoofsi barattoota dhaabbilee barnootaa ol’aanoo seenanii ammoo 36,000 irraa gara 56,561tti guddateera.
  6. Sagantaa nyaata mana barnootaa ( School Feeding) diriirfamneen manneen barnootaa 1,322 keessatti barattoota 569,186 ta’an fayyadamoo taasisuun danda’amee jira. Sagantaa kana milkeessuuf deggersa qooda fudhattoota dabalatee qarshiin miiliyoona 687.8 baasii kan ta’e yammuu ta’u harcaatii bartootaa sababa hanqina nyaataatiin uumamu hambisuun danda’amee jira.
    Barnootni Oromiyaa
    Warraaqsa Keessa jira!
    Keenya Oluma!

Follow us on:

YOUTUBE  FACEBOOK TELEGRAM GOOGLE NEWS TWITTER  INSTAGRAM PINTEREST

Subscribe and Follow us via Email

If you have any comment regarding this article contact us at contact@ethiopianstoday.com

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply