Wed. Aug 26th, 2026

Loading

Sirni yaadannoo hundeeffama Waldaa Walgargaarsaa fi Misooma Maccaafi Tuulamaa waggaa 60ffaan kaleessa galma giddugala aadaa Oromoo magaalaa Finfinneetti geggeeffame.

Sirna kana irratti seenaan gabaabaan namoota muraasaa Waldicha hundeessanii bifa barruuleetiin maxxanfamee dhiyaatee jira.

Namoota gumaacha taasisaa turaniifis waraqaan galateeffannaa kennameefii jira.

Seenaa Oromoo keessatti waldaan dhaabbilee Oromoo hundaaf bu’uura ta’e Waldaa Walgargaarsaafi Misooma Maccaafi Tuulamaati.

Waldaa qabsaa’ota qaqqaalii Oromoo biqilchuun dhaabota siyaasaa ABO fi kanneen biroo hundeessaniif gumaachedha.

Namoota quuqama Oromummaa qaban kanneen akka; Hayilamaariyaam Gammadaa, Koloneel Alamuu Qixxeessaa, Saahiluu Birrii, Roobalee Turee, Maammoo Mazaammir, Baaroo Tumsaa, B/J Taaddasaa Birruu warreen waggaa 60 dura waldaa kana hundeessan keessaa muraasa.

Warreen ijaaramuu Oromoo hin feeneen Waldichi yeroo addaa addaa cufamee, banamaa osoo abdii hin kutiin har’a ga’e.

Yeroo cufamuu kanatti hundeessitoonni Waldichaa baay’een ajjeefamaniiru; kaan immoo bakkoota addaa addaatti faffacaasuun hidhamuun dararamaniiru.

Jeneraal Daawwit Abdii, Maammoo Mazaammir, Hayilamaariyaam Gammadaa warra ajjeefaman keessaa yoo ta’u, Taaddasaa Birruu Harargee Galamsootti geeffamuun, Koloneel Alamuu Qixxeessaa Gondar geessuun, Se’ifuu Tasammaa Gamoo Goofaa geessuun warreen bakkoota addaa addaatti faffacaafamanii hidhaman keesssaati.

Waldaan Walgargaarsaa fi Misooma Maccaa fi Tuulamaa bara 1956 hundeeffamuun, bara 1959 cufate kan jedhan Pirezidaantiin Waldichaa yeroo ammaa Obbo Dirribii Damusee, yeroo cufatu kanatti qabeenyi saamamuu, hundeessitoonni hidhamuufi ajjeefamuutu ture jechuun yaadachiisu.

Haa ta’u malee, bara 1985 irra deebiin akka haaraatti banamuu himan.

Dabalees bara 1992 Waldichi Finfinnee keessaa akka ba’u ajajamu illee walmormiin jabaan mootummaa waliin taasifamaa turuu kan himan Obbo Dirribii Damusee, 1996 reebichi nurratti raawwachuun qabeenyi waldichaa saamamee, ammas 1999 irra deebiin banamuu himu.

Kan amma banamee jiru kun baatii Amajjii bara 2011 irra deebiin banamuu himu Obbo Dirribii Damusee.

Waldaan kun bu’aa ba’ii ulfaataa keessa darbee har’a ga’uu kan ibsan, namoota Waldicha waliin bu’aa ba’ii keessa darbaniifi gumaacha taasisaa turaniif waraqaa galateeffannaa kennaniiru.

Baroota dukkanaa keessa hangafoonni keenya wareegama ulfaataa kaffaluun nuuf dabarsan kan jedhan, dhaloonni ammaa Waldaa kana jabeeffachuu akka qabu Obbo Dirribiin dhaamaniiru.

Waldaan Walgargaarsafi Misooma Maccaa fi Tuulamaa qabsoofi sochiin siyaasaa Oromoo bifa qindaa’een akka socho’uuf shoora olaanaa ba’achuutu himama.

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use [email protected] as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply