Godina Matakkalitti daangaan yeroo kaa’ame
Akka gabaasa TOI’tti kaleessa jalqabe Aanaalee fi Gandoota Godina Matakkal hundatti daangaan yeroo kaa’ameera. Haaluma kanaan galgala sa’aa 1 hanga ganama sa’aa 12’tti socho’uun dhorkaa akka ta’e fi nama ykn konkolaata daangaa kana darbe argame irratti tarkaanfiin akka fudhatamu ibsameera.
Gama biraan Godina Matakkalitti hidhattoota lammiileerratti haleellaa raawwatan irratti tarkaanfii fudhatameen hedduun isaanii ajjeefamanii kaan booji’amaniiru, warra miliqan ammoo barbaadamaa jiru jedhan, Miseensi koree mootummaa Federaalaan hundaa’e Birgaader Jenaraal Alamaayaw Waldee.
Kanaan duras hidhattoota gocha badii raawwatan Gandoota 17 godinicha keessa guutummaa guutuutti balleessuun danda’ameera jedhan.