Mon. May 20th, 2024

“Oromoon Afaan Oromoo guddatee arguu barbaadu afaanicha qulqulleessee barreessuufi dubbachuu qaba” Barsiisaa Dastaa Alamaayyoo

Afaan Oromoo afaan guutuufi akka dubbatamutti barreeffamu ta’uusaatiin ittiin dubbachuunis ta’e ittiin barreessuun akka nama hinrakkisne hayyoonni afaanii ni ibsu. Haa ta’u malee, namoonni baay’ee yommuu Afaan Oromoo qulqulleessanii dubbachuufi barreessuuf rakkatan mul’ata. Kun maaliif ta’e kan jedhu qorannoo bal’aa kan barbaaduufi bu’uurarraa irratti hojjetamuu qabuudha.

Ta’us namoonni muraasni tibbana kaka’umsa mataasaaniitiin karaa feesbuukiitiin duula Afaan Oromoo qulqulleessanii dubbachuufi barreessuu taasisaa jiru. Kanneen keessaa Yunvarsiitii Wallaggaatti Barsiisaa Falaasamaa, Barsiisaa Dastaa Alamaayyoo Qana’aa isaan tokko.

Isaanis gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa waliin kaleessa taasisaniin akka ibsanitti, duula Afaan Oromoo sirriitti barreessuufi dubbisuu namoota muraasa waliin kan eegalan yoo ta’u, kanaafis sababa kan ta’e namoonni hedduun Afaan Oromoo fayyadamurratti, isuma fayyadaman ammoo qulqulleessanii fayyadamurratti hanqina waan qabaniif dadammaqiinsi yoo uumame namni xiyyeeffannaasaa gara sanatti deebisuu danda’aa laata jechuun eegalan.

Waggoota afur dura “Aramaa Afaan Oromoo” jechuun dhuunfaadhaan duula kana eegaluu kan himan barsiisichi, kana keessatti osoo Afaan Oromoo jecha mataasaatii qabuu afaan biraa ittimakanii dubbachuurratti kan xiyyeeffate akka ture kaasu.

Duulli torban kana keessa hiriyootasaanii waliin eegalan waan sadii of keessaa qaba kan jedhan Barsiisaa Dastaan, inni jalqabaa Afaan Oromoo fayyadamuudha. Namoonni jireenyasaanii guyyuu keessatti namoota waliin yommuu haasa’aniis ta’u waa barreessan Afaan Oromoo akka fayyadaman dadammaqsuudha.

Inni ittaanu Afaan Oromoo qulqulleessanii dubbachuudha. Kunis yommuu Afaan Oromoo osoo jecha mataasaa qabuu afaan biraa ittimakanii fayyadamuun afaanicha ajjeesaa waan deemuuf qulqulleessuun barbaachisaadha.

Sadaffaan, sirnaan qubeessuudha. Afaan Oromoo gaafa barreeffamu qubeen tokko ittidabalamuufi keessaa hir’achuun jijjiirama hiikaa waan fiduuf namoonni barreeffamasaaniif xiyyeeffannaa akka kennan taasisuufi.

Gaafa duula kana eegalan yeroo muraasaaf jedhanii eegaluu eeranii, yaada namootaarraa ka’uun dhimmicha hojiidhuma idilee godhatanii ittifufsiisuuf murteessuusaanii dubbataniiru.

Hojiinsaanii kan miidiyaa hawaasaarratti qofa hafu osoo hintaane qaamolee mootummaa dhimmichi ilaallatu waliin ta’aanii hojii bal’aa hojjechuuf karoorfachuus himanii, hangasitti garuu jijjiiramni nama dhuunfaarraa waan ka’uuf Oromoon afaansaa guddatee arguu barbaadu kamuu ofumasaatii afaanicha qulqulleessee fayyadamuu akka qabu hubachiisu.

Akka Barsiisaa Dastaan jedhanitti, waajjiraalee akka Itiyotelekomiifi humna ibsaa keessatti maqaa magaalotaa isa duriitti fayyadamuu, Adaamaadhaan Naazreet jedhamufaa sirreessuuf aangoo kan qabummoo mootummaadha.

Miidiyaanis komiifi yaada jiru dhiheessuun dhimmichi xiyyeeffannaa akka argatu taasisuurratti shoora olaanaa waan qabuuf ga’eesaa ba’aachuu qaba. Duula torban kana jalqabame keessatti namoonni bal’inaan hirmaachaa jiraachuun jajjabeessaa ta’uus eeraniiru.

Dhimmi kallattiin kan ilaallatu hogganaa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa (BATO), Obbo Kabbadaa Deessisaa akka jedhanitti, duulli jalqabame jajjabeessaafi biirichis namoota dhimma kanarratti hojjetan waliin hojjechuuf qophiidha.

Barjaalee sirreessuu wajjin walqabatee rakkoo qubeessuu qofa osoo hintaane seerlugaa eeguufi Afaan Oromoo fayyadamuu dhabuun bal’inaan mul’achaa akka ture kaasanii, aangoon kana sirreessuummoo kan biirichaa waan ta’eef  bara 2009 irraa kaasee qajeelfamarratti hundaa’uun magaalota guguddootti  xiyyeeffannaan hojjetamuu ibsu. Kanaanis baankonni Oromiyaa keessaa damee qaban Afaan Oromoo sirreessanii barreessaa jiraachuu akka fakkeenyaatti eeraniiru. Hanqinoota mul’atan bu’uurumarraa furuuf hojjetamaa jiraachuus Obbo Kabbadaan beeksisaniiru.

Namoonni Afaan Oromoo sirreessanii hinbarreessine hedduun warruma afaanichaan baratan ta’uus himanii, kanarratti hayyoonni xiyyeeffannaan hojjechuu qabu jedhaniiru.

“Hammuma daldalli babal’achaa deemu dogoggorris baay’achuu waan maluuf kun guutummaatti akka sirraa’uuf  gaafa sammuun namaa sirriitti qubeessuu shaakaleedha. Namni afaan tokkittii qabu waggaa 10 digrii tokkoffaafi lammafaa baratee, isarrayyuu darbee ‘PhD’ qabatee, kitaabota 100n gulaale jedhee dubbachaa, kanneen ijaafi gurra qubee balleessanii barreessantu jiru. Bakka ‘hayyuun’ akkanaa jirutti gaaffiin ka’uu qabu, afaan keenyatu baratamuu hindandeenyemoo, sammuu keenyatu afaan keenya barachuu hindandeenye isa jedhudha” jedhu.

“Qeesiin barnoota bu’uuraa baratee qubee sirreessee barreessaa, keenya waggaa meeqa baratee maaliif sirreessuu dadhabe isa jedhu hayyoonnis qorannoo irratti adeemsisuu qabu. Nama dhimma kanarratti waajjira keenya wajjin hojjechuu barbaadu anaa dhufu jennee simanna” jechuun ibsu.

Gaazexaa Bariisaa Amajjii 8/2013

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply