Tue. Mar 5th, 2024

Walitti bu’iinsa Sudaan bulchiinsa Daarfuur Lixaatti ummameen lubbuun namoota 129 olii olbeera

Walitti bu’iinsaa nammota lama irraa ka’een Sudaan Lixa Daarfuriitti namoonni 129 ajjeefamuu fi namoonni 198 ammoo madaa’uu ibsameera.

Walitti bu’iinsa Samabata darbe magaalaa guddoo Daarfuur El Geneina keessatti namoota lama gidduutti eegalameen hanga ammaatti namoonni 129 ajjeeffamuu himameera.Walitti bu’iinsichi buufata Baqattootaa magaalaa guddoo Daarfuur El Geneina keessatti uumame.

Namoonni lama, gosa arabaa fi biroo waliin wal-loluun inni arabaa wayita albeedhaan waraanamee ajjeefamu dubbiin ka’e haalaan babal’achuun lubbuu lammiilee nagaa hedduu galaafateera.

Walitti bu’iinsa kana booda yeroon sochii uummataa daanga’eera, Muummeen Ministiraa Sudaan Abdallaa Hamdook garee rakkicha qoratu garas erganiiru.Walitti bu’iinsa kanaan hanga ammaatti namoonni 198 madaa’aniiru.

Wayita Oomar Hasan al-Bashir preezdaantiin turan walitti bu’iinsa uumameen namoonni kuma dhibba 3 ta’an ajjeefamanii kanneen miiliyoona lamaa fi walakkaa ta’an ammoo qe’eerraa buqqa’aniiru.

CGTN Africa

Follow us on:

YOUTUBE  : https://www.youtube.com/channel/UC8CrAEUV9Buhu1qaKgptscQ

FACEBOOK  : https://www.facebook.com/ethiopianstoday

TELEGRAM   : https://t.me/ethiopianstoday

GOOGLE NEWS : https://news.google.com/publications/CAAqBwgKMMf5qQswuYTCAw?hl=en-ET&gl=ET&ceid=ET:en

TWITTER  : https://twitter.com/ethiopianstoday

INSTAGRAM  : https://www.instagram.com/ethiopianstoday1

PINTEREST : https://www.pinterest.com/ethiopianstoday/

Subscribe and Follow us via Email

If you have any comment regarding this article contact us at contact@ethiopianstoday.com

 

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply