Wed. Oct 4th, 2023

Shakkamtoonni Ayyaana Cuupharratti yakka raawwachuuf qophaa’aa turan to’ataman

FKomishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee Shakkamtoota Ayyaana Cuupharratti yakka raawwachuuf qophaa’aa turan to’achuu beeksise.Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee eeruu ummataa bu’uura taasiisuun qorannoo gaggeesseen namoota Ayyaana Cuuphaarratti badii garaagaraa raawwachuuf qophaa’aa turan to’annoo jala oolchuu beeksiseera.

Haaluma kanaan shakkamtoota ayyaana Cuuphaarratti yakkoota garaagaraa raawwachuuf qophiirra turan 205 to’annoo jala oolchuun qorachaa jiraachuu komishinichi ibseera.

Konkolaattooni sanada hin qabne yakkicha ittiin raawwachuuf qophiirra turan 3 shakkamtoota waliin to’atamaniiru.

Bifuma walfakkaatuun eeruu ummataan shakkamtoota ayyaanichaarratti jeequmsa uumuuf qophiirra turan 300 ol to’achuun dhimma isaanii qorachaa jiraachuu ibseera. Shakkamtoonni kunneen meeshaalee sagalee hin qabnee fi shugguxoota seeraan alaa yakka ittiin raawwaachuuf qopheessan waliin to’atamuu ragaan Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Image may contain: car and outdoor
Image may contain: car and outdoorImage may contain: car and outdoor

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply