Wed. Oct 4th, 2023

Ejjennoon Sudaanii fi Gibtsi hidha haaromsaarratti qabatan mirga Ityoophiyaan qabeenya uumamaa qabdutti fayyadamuu kan sarbuudha – Ministeera Dhimma Alaa

Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibtsi mariisiisummaa dura taa’aa Gamtaa Afrikaan dhimma Hidha Haaromsaarratti Bitootessa 25 – 28, 2013 marii taasiisaa turuu Ministeerrin Dhimma Alaa beeksiiseera.


Ibsa wixinee Ministirri Dhimma Alaa Rippaablika Diimookraatawaa Koongoo fi dura taa’aan mana maree hojii raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa dhiyeessan Ityoophiyaan fudhachuuf murteessitus Sudaanii fi Gibtsi kan hin fudhanee ta’uu ibsaniiru jedhame.
Ityoophiyaan Guutinsi Bishaan Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaan haaluma gabatee yeroo qabameen kan raawwatamu ta’uu ejjennoo qabdu beeksiifteerti.


Sudaanii fi Gibtsi waliigalteerra osoo hin ga’amin hojiin Bishaan guutuu gaggeeffamuu hin qabu jechuun ejjennoon qabatan bu’uura seeraa kan hin qabne ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa ibsa galgala kana baaseen ifoomseera.
Ejjennoon biyyoota lamaanii mirga Ityoophiyaan qabeenya uumamaa qabdutti fayyadamuu qabdu kan sarbu ta’uu ministeerichi ibseera.


Akkasumas ejjennoon biyyoota lamaan qabatan mariin guyyoota lamaaf gaggeeffame bu’aa qatamaa akka hin buufneef gufuu ta’uu ibsameera.

Maddi: FBC

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply