‘Pireezidantiin Chaad Idriss Deby waraana gubbaatti lubbuu dhaban’ waraana biyyattii
Pireezidantiin Chaad Idriss Deby waraana gubbaatti miidhamuun lubbuun isaanii darbuu waraanni biyyattii ibse.
Waraanni Chaad wayita ammaatti hidhattoonni magaalaa guddoo biyyattii N’Djamena qabachuuf waraanaa banan qolachaa jiru.
Guyyaa Wiixataa Pireezidant Deebiin filannoo Ebla 11 gaggeeffame mo’achuun marroo jahaffaaf aangoo qabatu jedhamee eegamaa ture – sagalee kenname keessaa %80 argachuun isaanii labsamee ture.
Kana hordofees mootummaafi paarlaamaan biyyattii diigameera. Ji’oota 18 dhufaniif manni maree waraanaa biyyattii kan bulchu taha.
Aabba Deebiin gaggeessitoota Afrikaa keessaa yeroo dheeraaf biyya bulchan keessaa tokko turan. Fincila waraanaan kan aangootti dhufan 1990tti ture.
Waraanni biyyattii akka ibsetti pireezidantichi ”biyya baraaruuf du’an” jedha.
Pireezidant Chaad Idris Deebii ”afuurasaa isa dhumaa walabummaa biyyattii eegsisuuf dirree lolaarratti wareegame,” jedhan dubbi himaa waraana biyyattii Jeneraal Azem Bermandoa Agouna, ibsa TV gubbaatti dubbisaniin.
Maddi: BBC
Follow us on:
YOUTUBE FACEBOOK TELEGRAM GOOGLE NEWS TWITTER INSTAGRAM PINTEREST
Subscribe and Follow us via Email
If you have any comment regarding this article contact us at contact@ethiopianstoday.com