Thu. May 19th, 2022

“Itoophiyaan yoo biyya Oromoo hintaane tan eenyuutuu ta’uuf ni rakkatti – Obbo Taayyee Danda’aa

“Itoophiyaan yoo biyya Oromoo hintaane tan eenyuutuu ta’uuf ni rakkatti”
-Obbo Taayyee Danda’aa
********
Gaazexaa Bariisa

Ittigaafatamaan Qunnamtii Ummataa Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa, Obbo Taayyee Danda’aa gaaffiilee jajjaboo Fuula Feesbuukirratti dhiyaataniif deebii kennan.

“Itoophiyaan yoo biyya Oromoo hintaane, tan eenyutuu ta’uuf ni rakkatti” Obbo Taayyee Danda’aa.

Guyyaa lamaan dura gaaffilee Mootummaa Naannoo Oromiyaaf qabdan akka nuu barreessitan isin gaafachuun keenya ni yaadatama.

Qophii gaafdeebii kaleessa geggeessinerratti hedduun keessan hirmaattaniittu. Hirmaannaa keessaniif ulfaadhaa isinin jenna.

Keessummaa keenya gaaffile ka’an hedduuf deebi nuu kennan Obbo Taayyee Danda’aas irra deebinee galateeffachuu barbaadna.

Gaaffiwwan isinin nu gaafattan keessaa jajjaboofi irra deddeebiin isin biraa ka’an 15 filannee deebii gaggabaaboo isinii kennuu yaalleera. Gaaffiwwan kanaafi deebii jaraa bakka tokkotti qabne akka armaan gadiitti isinii dhiyeessineera.

Qophiin gaafdeebii akkasii fuulduraafis karaa adda addaa kan itti fufan ta’uu gamanumaan isin beeksisa, kan har’aaf qopheessine kanatti dhiyaadhaa jennee kabajaan isin affeerra.

#Gaaffii #1ffaa: Hayyoonni Oromoo hidhaa jiran utuu hin hiikamin filannoon baranaa akkamiin geggeeffamuu danda’a?

Akka mootummaatti dimokiraasii dhugoomsuuf karaa fagoo deemne. Dirree siyaasaa baldhifnee jirra. Abbaan fedhe akka fedhetti gurmaayee siyaasaatti akka hirmaatuuf seera sirreessuu cinaatti kan baqate alaa galchinee jirra.

Bilisummaa miidiyaa dhugoomsinee jirra. Garuu seera eegee taphachuun gahee abbaati. Maqaa siyaasatiin wal-fixiinsa sabaa fi amantii labsuun hin ta’u. Abbaan seera cabsee waan hin malle seene gaafatamuun dirqama. Ammoo abalu hidhameef filannoon hafu hin jiru. Warra seera eegee socha’u waliin itti deemama.

#Gaaffii #2ffaa: Tokkummaa Oromoo irraati hojjachuuf maaltu gufuu ta’e? Mootummaan Naannooo Oromiyaa Maaliif mormitootaa waliin hojjachuu dadhabe?

Mootummaan Oromiyaa tokkummaan Oromoo dantaa Oromoo qofaaf otoo hin taane dantaa Itoophiyaafuu utubaa ta’uu ni hubata. kanaaf jecha mormitoota biyya alaa turan kabajaan yaame.

Gaafa Shaneen hooggansa keenya ajjeesuu eegalullee tokkummaaf jecha yeroo dheeraa obse. Garuu harki tokko kophaa sagalee hin kennu. Inaaffaa fi tuffii gama mormitootaan jirutu tokkummaa paartileef danqaa ta’e. Ammoo tokkummaan Oromoo tokkummaa paartileetiin otoo hin taane jaarmiyaaleedhaan ifa.

Oromoon amma Caffee jalatti wal-gahu qaba. Caffee san jalatti qarqara hundarraa hirmaata. Ijoolleen Oromoo sirna barnootaa tokkoon qaramaa jirti. Tokkummaan Oromoo jabaataa jiraachuu hubachuun barbaachisaa dha.

#Gaaffii #3ffaa: Filannoon dhufu haqa-qabeessa, bilisaafi dhugaa-qabeessa akka ta’uuf maaltu godhamaa jira?

Mootummaan filannoo baranaa filannoo haqa qabeessaa fi bilisa taasisuuf qophii cimaa taasisaa ture, jiras. Akka seera biyyattiitti filannoo olaantummaan kan geggeessu Boordii Filannoo Biyyaalessaa ta’uun ni beekama.

Boordiin kun yeroo jalqabaatiif amanamummaan isaa akka hin shakisiisneef ogeeyyii fi hoggantoota dandeetti fi beekumsa guddaa qabaniin ijaarameera. Yeroo jalqabaatiif baajati qarshii biliyoona sadii ol ramadameefi hojii baldhaatti seenera.

Baajata qofa yoo ilaallu, bajatoonni filannoolee biyyaalessaa darban sadan walitti idaa’amanii hanga baajata barana qabamee hin ga’an. Kun qulqullinaa fi haqa qabeessumaa filannoo kanaaf shoora olaana taphata.

Kana achittimmmo shoorri dhaabbilee siyaasaa, paartilee morkattuu, uummattaa fi dhaabbilee siivikiis guddaa ta’uun isaa hubatamuu qaba. Mootummaan filannoo kana haqa-qabeessaa fi bilisa taasisuuf murannoon inni qabuu irraa hin hir’anne. Murannoon paartilee mormituu fi qaamolee hawaasaa biros barbaachisa akka ta’e dagachuu hin qabnu.

#Gaaffii #4ffaa: Miidiyaaleen Oromoo kan akka OMN maaliif cufaman?

Mootummaan jijjiirama booda miidiyaaleen bilisaan akka hojjatan karaa bal’aa saaqeera. Sababa kanaanis miidiyaaleen hedduun banamaniiru. Kan cufaman deebi’anii hojii calqabaniiru. Kanneen biyyaa alaa godaansaa turan biyyatti deebi’aniiru. Miidiyaaleen biyya keenyaa bilisummaa argatanitti fayyadamuunn karaa adda addaa yaadaa fi ilaalcha adda addaa geggeessaa jiru.

Bilisummaan miidiyaa fi mirgi miidiyaa akkuma seerota kaanii daanga qabachuun isaa ammoo ni beekama. Miidiyaan daangaa darbee mirga namaa sarbu, uummata uummata irratti kakaasu, ragaa sobaatiin uummata burjaajessu daangaa walabummaa ka’ame sana darbeera. Mootummaan miidiyaaleen daangaa walabummaa miidiya darban kana irratti tarkaanfii fudhateera.

Miidiyaalee daangaa yaada ofii ibsachuu darbaa turan keessa tokko OMN. Miidiyaan OMN miidiyaa qabsoo uummata Oromoo keessatti bakka gudda qabu ta’us, jijjiirama booda du’a Artiistii jaallatamaa Hacaaluu Hundeessaan wal qabatee, isa duras yeroo hedduu, daangaa bilisummaan yaadaa ofii ibsachuu irra deddeebin sarbeera.

Dhumarra hokkara Oromiyaa keessatti ka’ee lubbuu namoota baayyee itti dhabne keessatti qooda fudhachuu isaatiin tarkaanfiin seeraa irratti fudhatameera. Mootummaan ammas mirga yaada ofii ibsachuu kabajuuf murannoon inni qabu cimaa dha. Garuu olaantummaa seeraa kabachiisun ammoo akkasuma dirqama mootummaatti.
#Gaaffii #5ffaa: Ajjeechaan maqaa “Shanee” jedhuun Oromiyaa keessatii ammaa yoom ittii fufaa?

Ummati Oromoo bara hedduuf jeeqamaa turuu namuutu beeka. Gaafa jijjiirami dhufu Oromiyaa fi Oromoon nagaya argatu jennee guddoo abdanne. Garuu hin taane. Rakkoo kan dhale Shanee dha. ABO shaneen maqaa qabsootiin erga olola eegalee bubbuleera. Gaafa Oromoon akka malee rakkatee tumsa barbaadu garuu rasaasa takkallee hin dhukaafne.

Erga Oromoon harka duwwaa lolee moo’atee booda qabsoon itti muldhate. Shaneen kan takkaa diina ajjeesee hin beekne jijjiirama booda Oromoo ajjeesee geeraruu eegale. Hooggansa keenya danuu galaafatan. Nama nagayaa ajjeesanii guban. Saamichaa fi dararaa raawwatan.

Dubbiin kun nagayaan akka dhumatu guddoo yaalle. Garuu hin taane. Rakkannaan olaantummaa seeraa kabachiisutti seename. Amma ummannii fi caasaan nageenyaa nagaya buusuuf hojjachaa jira. Gaafa shaneen qulqullaaye nageenyi Oromiyaa ni dhugooma. Saniif ammoo namuu tumsuu qaba.”

#Gaaffii #6ffaa: Mootummaan rakkoo Shanee wajjin qabu maaf mariidhaan hiikuu dadhabe?

Rakkoo ABO Shanee waliin uumame mariin fixuuf waan hin yaaliin hin qabnu. Gaafa jarri yaamicha didu Asmaraa deemnee kadhanne. Jarri garuu shiraan muummicha ajjeesuu yaalan. San irra dabarree galchine.

Erga galaniis baatii saditti nu fonqolchanii aangoo qabatuuf carraaqan. Sanas dhiifnee jaarsummaan dubbii fixuu yaalle. Hayyooti fi abbootiin gadaa ijibbaatanii dhiisan. Kanaan booda qoosaan jaarsummaa jedhamu hin jiru. Olaantummaa seeraa kabachiisuu qofatu karaa dha.

#Gaaffii #7ffaa: Gaffiin abba biyyummaa Oromon Finfinnerraa qabu maal irra ga’e?

Gaafii abbaa biyyummaa irratti, akkuma namiifuu galu jijjiiramaan duratti Oromoon biyya isaa irratti keessummaa ture. Finfinnee qofa otoo hin taane Roobe, Asallaa, Naqamtee fi Jimma irrattuu Wayyaaneetu ajajaa ture. Jijjiiramni gaafii abbaa biyyummaa akka waliigalaatti deebisee jira.

Wanti guddaan dimokiraasii fi wal-qixxummaa dhugoomsuu dha. Bilisummaan gaafii hunda deebisa. Dubbiin Finfinnees achuma keessatti ilaalama. Baldhina isaa ammoo yeroo itti aanu ilaalla.

#Gaaffii #8ffaa: Mootummaan mala akkamiitiin hanna caasaa isaa keessaa to’achuuf yaadaa?

Mootummaan hanna caasaa mootummaa keessatti mul’atu hambisuuf hojjachaa jira. Hanni rakkoole gurguddaa biyya kana quucarsan keessa tokko ta’uun mootumman ni hubata. Kanaafis tarkaanfiilee adda addaa fuchachuu irratti argama.

Garuu aadaa hannaa kana mootummaan qofti kan yeroo gabaabaa gidduutti irra aanuu miti. Gareen hawaasa hundumtu shoora isa irraa barbaachisu ba’achuu qaba. Keessayyuu miidiyaa fi uummanni wal qabatanii hanna caasaa mootummaa keessatti mul’atu saaxilu irrati cimanii hojjachuu qabu. Miidiyaan anga’oota mootummaa amaanaa uummataa irraanfatanii ummata saaman uummatatti saaxiluu qaba.

Ummannis odeeffannoo qaamolee seeraaf kennuudhaan aadaa hannaa biyya quucarsu kana dhabamsiisuu keessatti ga’ee iraa eegamu itti fufiinsaan ba’uutu irraa eegama. Akkas yoo ta’e kaansariin kun badaa deema.

#Gaaffii #9ffaa: Dinagdeedhaan akkamitii guddanna? Kanaf ammo MNO maal gochuutti jira?

Amma waa hundaa olitti diinagdeen nuuf dhimma ijoo dha. Jijjiirama hundee fiduuf himaammata diinagdee haarawa biyyaa dhalate tolchineerra. Sun ilaalama guutuun bocame. damee qonnaa qofa otoo hin taane damee albuudaa, damee tajaajilaa, damee daldalaa fi barnootaafis xiyyeeffannoo guddaa kenna.

Xiyyeeffannoon baadiyyaaf kenname qabatamaatti muldhataa jira. Seenaa keessatti jalqabaaf galtee qonnaa qaraxa malee galchine. Qonnaan bulaan tiraaktera, paampii fi kkf gatii salphaan argataa jira.

Kana biratti faayinaansii baadiyyaa diriirsinee jirra. Qonnaan bulaa fi horsiisee bulaan waan qabu qabsiisee baankota irraa liqeeffatuu danda’a. Oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf sagantaa baldhaa diriirsine. Aaadaa qusannoo gabbisuufis hojjachaa jirra. Kun diinagdee waliigalaa geeddaruuf tarkaanfii guddaa dha.

Waa hundaa ol ammoo dirree diinagdee hundaaf mijaawu qopheessaa jirra. Yaadaan of qopheessee gurmii fi dhuunfaan dirree seenee taphachuun ammoo kan lammiileeti. Mootummaan nama hundaaf haala mijeessuu hin danda’u.

#Gaaffii #10ffaa: Heerri biyyaatti akka jijjiramuu gaareewwan “boo’aniif” deebii fi ejjannoon MNO maal fakkaata?

Heera namatu yaadee barreessa. Kanaafuu yoomillee hanqinni jiraatuu mala. Haala yeroo faana bilchinaan xiinxalanii heera fooyyessuun rakkoo miti jechuu dha. Heerri Ameerikaatuu marroo 27 fooyyeffameera. Haa ta’u malee, lafumaa ka’anii waan gareen tokko jibbeef qofa heera jijjiiruun hin danda’amu. Maaltu maaliif akka jijjiiramu ummata biyyattii keessaa harka wayyaba amansiisuu barbaachisa.

Fakkeenyaaf heerri Itoophiyaa keeyyati 25 loogii koorniyaa, amantii fi sabaa dhorkuun wal-qixxummaa lallaba. Qaamni keeyyata kana jijjiiruu barbaadu olaantummaa heda jechuu dha. Olaantummaa murna wahii fudhatuuf qaamni qophaaye ammoo hardha Itoophiyaa keessa hin jiru.

#Gaaffii #11ffaa: Qaala’insi jireenya haala kamiin fala godhata? Mootummaan maal gochaa jira?

Qaala’insi jireenyaa rakkoo ta’uu mootummaan ni hubata. Furmaata isaafis hojjataa jira. Akka waliigalaatti diinagdee “macro” kan sirneessu mootummaa federaalaati. Garuu cinaacha dhiyeessii irratti hojjatamaa jiraachuu ni beekna. Dhiyeessiin gaafa dabalu gatiin ni hirdhata. Cancala dallaalaas kukkutuun gabaa ni tasgabbeessa. Kun hojii and qindoomina barbaada.

#Gaaffii #12ffaa: Rakkoon hoji-dhabdummaa akkamitti furama?

Hojiidhabdummaan akka naannoo fi akka biyyaatti rakkoo dha. Kana furuuf mootummaan guddoo carraaqe. Carraaquuttis jira. Fakkeenyaaf fandii marmaartuu qarshii biliyoona shan dhiyeessuun yaalameera. Garuu warri fandii san fudhate ittiin hojjatanii deebisuu mannaa fudhatanii miliqu kna yaalan jiru. Investimantii haarawa harkisuu fi kan duraanii baldhisuufis hojjatameera.

Garuu rakkoon nageenyaan walqabate investimantiif gufuu guddaadha. Hojiin amma nagaya mirkaneessuuf hojjatamaa jiru rakkoo hojiidhabdummaa furuu keessatti qooda olaanaa akka qabu hubatamuu qaba. Qabatamaanis hojiileen babal’a hojjatamaa jiran rakkoo kana hir’isu danda’u. Qonna ammayeessuun dargaggoota hedduu harkisa.

Faayinaansi baadiyyaa diriirsun godaansa dargaggoota baadiyya gadi buusa. Ga’ee seektara dhuunfa jajjabeessuuf hojiin mootummaan hojjachaa jirus jajjabeessaa dha. Kun hojii gosa adda addaa dargaggootaaf uuma.

#Gaaffii #13ffaa: Lamiilee keenya mana hidhaa biyya arabaatti dararamaa jiran maalif gara biyya abbaa isanii galchuu dadhabdan?

Akkuma madda oduu biyya keessaa fi alaa tokko tokko irraa dhaga’a jirtan, mootummaan lammiile keenya biyya alaatti rakkachaa jiran biyyati deebisaa jira. Warra hafanis deebisuuf yaalii taasisaa jira. Ta’us dubbiin hubatamuu malu tokko jira.

Kunis hanga godaansi seeran alaa hin dhaabbanetti, lammiileen yero yeroo biyyatti deebisuun furmaata waaraa hin fidu. Mootummaan lammiilee 100 galchee, dallaalaan seeraa alaa immoo namoota 200 yoo alatti baasee bu’a hin buusu. Lammiileen hunduu daldala seeraan ala karaa dallaalota seera-dhabeeyyiitin geggeefamu to’achuu keessatti ga’ee jaraa ba’achuutu irraa eegama.

Mootummaan ulfinaa fi kabaja lammiilee isaa biyya alaa jiraniif hojjachuu irrati murannoo qabu hin jijjiirre. Lammiileen keenya ammoo gocha seeran alaa keessatti hirmachuu irraa of qusachuun barbaachisaa dha.
#Gaaffii #14ffaa: Garagarummaan partilee siyaasa biyyaa keenya akkamin rogaa tokko qabachuu danda’a? Faakkenyaaf walakkaan biyyaaf qabsa’a, kaan sabaaf qabsa’a?

Waa hunda dura garaagarummaa paartilee balleessuun akka hin danda’amne beekuun gaariidha. Yoomillee addoomni himaammataa fi tarsiimoo jiraatuu mala. San murtii ummataatu xumura itti godha. Namuu erga sagantaa fi himaammata ofii dhiyeeffatee booda ummanni kan fedhe keessaa filata. Wanti guddaan dhimmoota biyyaa gurguddoo irratti waliif galuu dha.

Fakkeenyaaf birmadummaa biyyaa kaasuu dandeenya. Dhimmi walabummaa biyyaa ajandaa paartii tokkoo miti. Kanaafuu paartiilee martuu weerara diinaa qolachuu irratti waliin dhaabbatuu qabu.

Dhimmoota akka olaantummaa seeraa, faayidaa biyyaalessaa fi ijaarsa jaarmiyaalee mootummaa irrattis waliif tumsuu barbaachisa. Kun ammoo waliigaltee biyyaalessaa uumuu gaafata. Sagantaa siyaasaa Badhaadhinaa keessaa tokko ammoo ajandaalee biyyaa jajjabaa irratti waliigaltee biyyaalessaa uumuu dha. Qabatamaattiis Koomishiinii Araaraa fi Nagayaa hundeessuun hojii muldhatu hojjachaa jira.”

#Gaaffii #15ffaa: Itiyoophiyaa fi Oromummaan hariiroo qabuu? Yoo qabaatan seenan Oromoo Itiyoophiyaa keessatti maaliif finxaaleyyiin gadi qabama?

Jalqabayyuu Itoophiyaan biyya ummata Kuush ta’uu seenaa addunyaatu ragaa dha. Biyyi Kuush Itoophiyaan haga Masirii hardhaa dhaqqabdi. Ummati Kuush madda qaroomina addunyaati. Qonna, Enjinariingii, Astiroonomii fi sirna barreeffamaa isatu eegale. Ummata Kuush keessaa guddichi ammoo ummata Oromooti. Kanaafuu dhalootumarraa Itoophiyaan biyya Oromooti. Itoophiyaa haarawa ijaaruu keessattis Oromoon gahee olaanaa taphateera. Sana jala muranii hubatuu dha. Waa hunda caalaa garuu Oromoon Itoophiyaa tiksaa ture. Saniif ammoo waraanni Adwaa ragaa dha. Waraanni sun Itoophiyaa irra darbee ummata Gurraacha hundaaf hamilee ta’e. Yeroo jalqabaatiif Gurraachi adii moo’ate. Sun addunyaaf raajii ture.

Raajii sana keessatti gahee olaanaan kan Oromoo akka ta’e namiitu beeka. Jalqaba waliigaltee Wacaalee keeyyata 17 diduun waraanichaaf sababa kan taate Xaayituu dha. Isiin ammoo intala Oromoo Yajjuuti. Silaa Xaayituun Waliigaltee Wacaalee diduu baattee lolli Adwaatuu hin jiraatu. Jeneraalota waraana Adwaa hoogganan 11 keessaa ammoo 9 Oromoo dha. Kan waraanicha irratti hirmaatee wareegama baase keessaallee harki wayyabni Oromoota fardaan duulani. Seenaa sana keessatti qoodi Oromoo cululuqaa dha jechuufi.

Seenaa Garasuu Dhukii, Abdiisaa Aagaa, Abbichuu Bayyanaa, Qusee Diinagdee fi kkf gaafa ilaallu Oromoon ijaarsa fi tika Itoophiyaa keessatti adda duree ta’uu hubanna. Itoophiyaan yoo biyya Oromoo hin taane tan eenyutuu ta’uuf ni rakkatti.

Maddi: Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa.

 92 total views,  1 views today

By Chala Dandessa

Name: Chala Dandessa. I was born in West Shewa Zone, Chobi District of Oromia Region, Ethiopia in 1989. Founder of Ethiopians Today Website Currently I am Lecturer at Jimma Teachers College. Peace and Unity for our country! https://ethiopianstoday.com

Leave a Reply

error: Content is protected !!
%d bloggers like this: