Wed. Oct 4th, 2023

Jilli Obbo Umar Huseeniin durfamu Jibuutii galuunsaa himame.

Jilli Ministira Ministeera Qonnaa Obbo Umar Huseeniin durfamu daawwaannaa hojii guyyoota sadiif Jibuutii galeera.

Obbo Umar gitasaanii Jibuutii fi aanga’oota buufata Jibuutii waliin ni mari’atu jedhameera.

Mootummaan Itiyoophiyaa barana isa baroota darbee caalaa xaa’oo hedduu alaa galchuun yeroon qonnaan bultoota biraan ga’uuf karoorfachuun ibsameera.

Haala xaa’oo f sanyii filatamaa kanneen geejjibsiisuun danda’amurratti mariin kan taasifamu tahu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muldhisa.

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply