Sat. Sep 23rd, 2023

Jooy Baayiden sababa Tiraampitti fuula tiwiitera pirezedaantummaa haaraa banatan

Pirezidaantii Ameerikaa tahuun kan filataman Jooy Baayiden fuula tiwiiteraa pirezedaantummaa isaanii kan argatan yoo tahu, hordoftoota duraanii kan hin qabne tokko jedhanii kan jalqabanidha.

Kun kan ta’eef ammoo sababa Pirezedaant Doonaald Tiraamp ittiin fayyadamaa tureef jedhameera.

Kuni erga Baarak Obaamaan as bifa haaraan kan raawwatame tahuun isaa deeggartoota Baayiden aarseera.

Fuulli Tiwiiterii haaraan maqaa Jooy Baayideniin kan baname yoo tahu, guyyoota muraasa booda gara pirezedaantii Ameerikaa jedhutti kan jijjiiramu taha.

Pirezidaantii Ameerikaa tahuun kan filataman Jooy Baayiden fuula Tiwiiteraa isaanii haaraa banatanii sa’aatii jaha keessatti hordoftoota 400,000 tahan argataniiru.

Jooy Baayiden dhuunfaan fuulli Tiwiiteraa itti fayyadamaa turan gara hordoftoota miliyoona 24 tahan qaba ture.

Gareen Jooy Baayiden fuula Tiwiiteraa haaraa garaagaraa biraas bansiisuuf galmeessaniiru. Isaan keessatti giifti duree Ameerikaaa kan taatu haadha warraa Jooy Baayideniif kan tahu Jiil Baayiden keessatti argama.

Fuulli Tiwiitirii Doonaaldi Tiraampi Baaraak Obaamaa irraa dhaalan yeroo sana hordoftoota miliyoona 13 qaba ture.

Haa tahu malee fuulli Tiwiiterii pirezidaantichi itti fayyadamaa turan Jooy Baaideniif hin dabarfamne.

Tarkaanfii Tiwiiteriin fudhate aduu ji’a tokko hin caalle keessatti garee Jooy Baayideniif kan ibsame yoo tahu gareen Baayiden tokko jedhanii zeeroo irraa jalqabuuf dirqamaniiru.

Tiwiiteriin tarkaanfii kana irra maaliif akka gahe waan ibse hin qabu.

”Gaggeessaa inni haaraan bulchaa duraanii irraa kallattiin hordoftoota isaa hin fudhatu” jedhe Tiwiiteriin sababa isaa ibsuu baatus.

Haa tahu malee hordoftootni pirezidaantii fi itti aanaa pirezidaantii fuula Tiwiiteraa Jooy Baayidenii fi Itti aantuu isaanii Kaamalaa Haaris akka hordofuu akka danda’an ibseera.

Obaamaan fuula Tiwiiteraa hojii idilee kan qaban pirezidaantii Ameerikaa jalqabaa turan. Pirezidaantii Ameerikaa maqaa jedhuun kan baname fuulli Tiwiiterichaa bara 2015 keessa ture.

Yeroo bulchiinsi isaanii marsaa lammaaffaa xumurames fuula Tiwiiterichaa ifatti Doonaaldi Tiraampitti dabarsan.

Maxxansi Tiwiiteraa Obaamaa bifa addaan dhalootaa gara dhalootaatti darbuu qabu jedhamuun mallattoon addaa baasu irra kaa’amuun hanga ammaatti dubbifamuu danda’u.

Tiwiiteriin odeeffannoo fuula Tiwiteraa pirezidaanti Tiraampi jala jiru argachuun akka hin danda’amne ibseera. Tiraampi fuula Tiwiiteraa dhuunfaa isaanii dursuun kan hojiif banameef yeroo hedduu hin fayyadaman.

Tiwiiteriin waa’ee cufamuu fuula Tiwiiterii pirezidaanti Doonaaldiu Tiraampi fi seenaaf ol kaa’amuu isaanii irratti deebiin kenne hin jiru.

Maddi: BBC Afaan Oromoo

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply