Sat. Sep 23rd, 2023

Rasaasni kuma 4 fi 600 ol karaa seeraan alaa daddabarfamaa ture to’annaa jala oole!

Guyyaa kaleessa rasaasni kuma 4 fi 600 ol karaa seeraan ala magaalaa Maqaleerraa gara magaalaa Baahir Daaritti daddaabarfamaa ture to’annaa jala oole.

Sakattoo buufata Waaldiyaatti hojjettoota gumurukaatiin taasifameen rasaasni kumni 4 fi 615 to’atamaniiru.

Raasoota kanneen dhoksuun dabarsuuf yaali kan taasisan konkolaachisaa dabalatee shakkamtoonni 4 to’annaa jala oolaniiru.

Buufanni sakattoo Waaldiyaa damee waajjirichaan guyyoota torbee tokko hin guunne keessatti meeshaalee waraanaa karaa seeraan alaa daddabarfaman kuma 10 fi 600 to’annaa jala oolchuun ibsameera.

Image may contain: food

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply