ETHIOPIANS TODAY, ADDIS ABABA (FINFINNEE), ETHIOPIA:
243 total views, 1 views today
“Soba dhugaadhan akka injifattanin waamicha koo dhiyeessa”: MM Abiyyi Ahimad
…
“Itoophiyaanotaa fiwayiloonni Itoophiyaa addunyaa irra jirtan maraaf,
“Garaan haadhaa bubburree dha” akkuma jedhamu, amalli ilmaan ishee hundu tokko akkuma hin taane, namootni garaa Itoophiyaa keessa dhalatanii, bakka ulfinaa argatanii, ruubii jaarraa tokkoo oliif Itoophiya bulchaa turan deebi’ani dugda duubaan Itoophiyaa waraananus, ijoolleen salphina ishee arguu hin barbaadne waliigalanii tarkaanfi irratti fudhataniiru.
Har’as warri duuti junta hin liqimfamneef, ilmaan garaa ishee buburree keessa ba’an, diinota biyya keenyaa wajjin tokko ta’uun, odeeffannoo dhugaa hin taanee tamsaasuun buddeena guyya-guyyaa godhataniiru. Akka barbaadan yoo hin taane, Itoophiyaan akka jiraattu hin barbaadan. Injifannoo dirree seera eegsisuu irratti dhabani dirree hololaatiin deebisuudhaaf shira meeshaa godhachuun sobammoo rasaasa godhachuun fayyadamuu itti fufaniiru.
Kanaafuu Itoophiyaanonni fi waayilonni Itoophiyaa addunyaa mara irra jirtan, waa’ee biyya keessanii odeeffannoo waqtawaa hawaasa addunyaatti himuudhaan kabajaa fi maqaa gaarii biyyi keenya qabdu ballessuuf namoota ka’an injifachuun, soba dhugaadhaan akka mootanin waamicha koo dhiyeessa.”
MM Abiyyi Ahimad
Follow us on:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UC8CrAEUV9Buhu1qaKgptscQ
Google News: https://news.google.com/publications/CAAqBwgKMMf5qQswuYTCAw