Wed. Oct 4th, 2023

Godina Shawaa Lixaatti qamadii Jallisiin misoomaa jiru irraa oomishni Kuntaalli Kuma dhibba Saddeetii ol walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru himame.


Jiilli Sadarkaa Ministeeraatti Darektara Ol’aanaa Akkaadaamii Hooggansaa Mallas Zeenaawwii Obbo Awaluu Abdiin durfamu ooyiruu qonnaan bultootaa Godina Shawaa Lixaa Aanaalee Ilfataa fi Tokkee Kuttaayeetti kilaastara qamadii Jallisiin misoomaa jiru daawwateera.


Jilichi Hooggantoota ol’aanoo Naannoofi Fedeeraalaa akkasumas qonnaan bultoota naannawaa kan hammate yoo ta’u, Badhaadhinni Maatii kan mirkana’u qabeenya uumamaa qabnu fayyadamnee waggaatti Yeroo lamaafi sanaa’ol oomishuu yoo dandeeye qofa jechuun Paartiin Badhaadhinaa kallattii kaa’een hojjetamaa akka jiru Obbo Awwaluu dubbataniiru.


Daawwannaa kanarratti Qonna Oromiyaa ammayyeessuun Itiyoophiyaa sooruu irra darbee gaanfa afrikaatiif gumaacha waan qabuuf Paartiin Badhaadhinaa galteewwan qonnaa bilisaa fi gatii fooyyeen dhiheessuuf karoofatee hojjechaa jiras jedha Obbo Awwaluu Abdii.

Maddi: OBN

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply