Fri. Dec 1st, 2023

Loading

KFO’n filannoo bara 2013 gaggeeffamuuf karoorfame irraa ala ta’uu beeksise

Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) filannoo biyyaaleessaa marsaa 6ffaa barana gaggeeffamuuf karoorfame irratti akka hin hirmaanne murtoo irra gahuu beeksise. Murtoo kana kan dabarse koree hoji raawwachiistuu dhaabicha ta’uus eerameera.

Hogganaa waajjira KFO Obbo Xirunah Gamtaa DW’f akka himanitti, filannoon dura wantoota guuttamuu qaban (waajjiraalee akka deebi’anii banaman, miseensota KFO hidhaarra jiran akka gad lakkifaman) waan hin raawwatamneef filannicha irratti hirmaachuun bu’aa hin akka buusne dubbatan.

Guyyaan galmee hanga bor Guraandhala 25/2013 dheereeffamuus KFO’n hanga ammaatti kaadhimamaa tokkollee kan hin galmeessifne kanumaan walqabataa jedhan, Obbo Xirunah.

Maddi Keenya: Gadaa Post

Follow us on:

YOUTUBE  FACEBOOK   TELEGRAM    GOOGLE NEWS  TWITTER  INSTAGRAM   PINTEREST 

Subscribe and Follow us via Email

If you have any comment regarding this article contact us at contact@ethiopianstoday.com

 

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply