Maddi Walitii Bu’iinsa MN Amaaraa fi Oromoota Walloo Maali?
Gabaasni kan GadaaPost.com ti.
#Oromoo_WallooLola naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa fi Godina Addaa Saba Oromootti adeemsifamaa jiru ilaalchisee odeeffannoo miseensa ‘Gadaa Post’ maqaasaa akka eeramu hin barbaanne tokkorraa arganne
– Akka nama eeruu kana nu kenne jedhuutti, humni addaa naannoo Amaaraa ummata nagaarratti haleellaa raawwachuurra darbe manneen jireenya qotee bultoota Oromoota Walloo abiddaan gubaa jira. “Guyyaa kaleessas Ambulaansii jiraattota haleellaa kanaan miidhaan irra gahee Hospitaala geessuuf fiigaa jirtu karaatti dhaabsisanii shuufeerii dabalatee namoota ambulaansii keessa jiran lafarratti naqanii ajjeesanii biraa deemaniiru,” jedhe.-
Jiraattonni kana haa jedhan malee mootummaan naannichaa garuu ibsa karaa Paartii Badhaadhinaa Amaaraatin baaseen, “diina ummata keenya humni ABO Shanee ummata keenyarratti haleellaa raawwachaa jira, kuniis nageenya naannoo keenya booreessuuf kan qindaa’eedha,” jedheera. – Godina Addaa Saba Oromootti bulchaan aanaa Jiillee Dhummuugaa Obbo Jamaal Hasan ammoo yaada BBC’f laataniin, “Hawaasni keenya ummata qotee bulaati. Akka amma miidiyaadhaan lallabamu kanaa miti. ABO Shanee, warra gurmaa’e, meeshaa waraanaa ulfaataa wanti jedhamu hin jiru. Qotebulaadhaani kan wal lolamaa jiru” jedhan.-
“Manni qoteebulaa gubataa jira. Qotebulaan du’aa jira. Inni du’aa jiru kun immoo Shaneedha jedhameeti gabaasni kan irratti hojjetamaa jiru” jechuunis himan Obbo Jamaal Hassan.- Akka eeruu maatii keenyaatin, yeroo qaamni nageenya naannichaa qotee bulaa Oromoo akka diinaatti ilaalee humna qabu dabalatee haleelaa jiru kanatti deeggarsa gama mootummaa naannoo Oromiyaarra akka hin arganne ibsaniiru. –
“Mootummaan Naannoo Oromiyaa ummata nan dhaabbadhaaf, nan isaaf qabsaa’aa jira jedhuuf yeroo shiraan isa balleessuuf haleelamaa jiru kanatti hin falmatuuf taanaan, mirga jiraachuu qotee bulaa hin kabachiisu taanaan hojiinsaa maaliree?” jechuun gaafata namni kun. Ummanni Oromoo mara sagalee akka ta’uufis waamicha dhiyeesseera.