Sat. Dec 2nd, 2023

Loading

Manni Murtichaa gaaffii Abbaan Alangaa obbo Jawaar Mahaammadfaarratti dhaddacha cufaan ragaa dhageessiisuuf gaafaate kuffise

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataa gaaffiin Abbaan Alangaa obbo Jawaar Mahaammadfaarratti dhadhacha cufaa fi golga duubaan ragaa dhageessiisuuf gaafaate kufaa taasiise.


Abbaan Alangaa beellama darbeen bu’uura labsii ragaa dhageessisuu abbaa alangaan nageenya ragaa baatootaaf jecha adeemsa dhaddacha cufaan ragaan akka dhaga’amuuf iyyannoo dhiyeeffatee ture.
Manni Murtichaa Dhaddacha har’a ooleen obbo Jawaar Mahaammad dabalatee bakka shakkamtoonni hundi argamanitti dhimma isaanii ilaaleera.


Haaluma kanaan Abbaan Alangaa beellama darbeen bu’uura labsii ragaa dhageessisuu abbaa alangaa lakkoofsa 699/2003, keewwata 4 muraa 1tiin ragaa baatoonni 146 dhaddacha cufaan ragaa akka dhageessiisan gaafateera.
Yaa ta’uutii abbaan Alangaa ragaa baatoonni kunneen golga duubaan ragaa akka dhageessiisan sababa wanta ta’u ragaa quubsaa kan hin dhiyaanne ta’uu isaan Manni Murtichaa ragaa baatoonni kunneen dhaddacha banaan ragaa akka laataan murteesseera.


Gama biroon manni murtichaa gaaffii himatamtoonni maqaan ragaa baatootaa akka tarreeffamuuf gaafatan nageenyaa ragaa baatoota kanneeniif jecha gaafficha kuffiseera jedhame.
Manni Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataa dhaddacha 1ffaa farra shororkeessummaa fi seera dhimmoota mootummaa gaafficha qorachuun murtee laateera.


Bu’uuruma kanaan maqaan ragaa baatootaa osoo hin tarreeffamniin dhaddacha banaana ragaa akka dhageessiisan murteesseera.

Maddi: FBC

Follow us on:

YOUTUBE  FACEBOOK   TELEGRAM    GOOGLE NEWS  TWITTER  INSTAGRAM   PINTEREST 

Subscribe and Follow us via Email

If you have any comment regarding this article contact us at contact@ethiopianstoday.com

 

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply