ETHIOPIANS TODAY, ADDIS ABABA (FINFINNEE), ETHIOPIA:
376 total views, 1 views today
Magaalaa Finfinneetti boombii dhoheen lubbuun namoota lama darbe

Ebla 10 bara 2013 ALI guyyaa keessa gara naannoo sa’aa 8:00 kutaa magaala Lidataatti aanaa 6 iddoo misoomaaf qophaa’erratti dhohiinsa boombii uumameen lubbuun namoota lama battalumatti yeroo darbu namni tokko miidhaan ulfaataa irra gahee Hospitaala galeera.
Poolisiin akka beeksiseetti sa’aatii jedhame kanatti namni umuriin isaa 50 – 55 tilmaamamu tokko dubartoota umrii walfakkaataarra argaman lama waliin wal darbachaa gara iddoo kanatti erga galanii booda dhohiinsi dhaga’amusaa fi eenyummaa namoota kanaafi sababa dhohiinsa kana baruuf qorannoorra akka jiru beeksiseera.
Yeroo sana ogeeyyii Poolisii Finfinnee fi Federaalaa hojii naannoo san qulqulleessu hojjetaniin uffata nama du’e tokko keessa boombii hin dhoonee argamu beeksifameera.
Follow us on:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UC8CrAEUV9Buhu1qaKgptscQ
Google News: https://news.google.com/publications/CAAqBwgKMMf5qQswuYTCAw