Wed. Aug 26th, 2026

Loading

Boordichi magaalaa Finfinnee naannoo Oromiyaatti buufataalee xiqqaa filannoo 28 banuu beeksiise


Boordiin Filannoo Biyyaalessaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi naannoo Oromiyaatti buufatalee tokko tokkorraatti nammoonni komni 1 fi 500 galmaa’uun isaaniin buufataalee filannoo xiqqaa 28 dabalataan banuu ifoomseera.
Boordichi buufataalee filannoo damee xixxiqqaa dabalataan banaman ilaalchisee ibsa laateera.
Akkaataa labsii filannoo 1162/2013 buufata filannoo tokkorraatti namoonni galmaa’uu qaban
kuma 1 fi 500 qofa akka ta’u labsamuu ibseera


Buufata filannoo tokkotti namoonni kumni 1 fi 500 yoo galmaa’aan galmichi cufamuun buufanni haaraan akka banaman ta’a jedhame.
Bu’uuruma kanaan buufataalee filannoo haaraa har’a banamaniif meeshaaleen raabsamaa jiraachuu Boordichi ibseera.

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use [email protected] as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply