Fri. May 20th, 2022

Joy Liigon: Nama waggaa dheeraaf mana sirreessaatti dabarse

Ameerikaatti ”sirreeffamaa waggaa dheeraa” tokko tibbana bilisa tahuun mana hidhaatii bahe.

Joy Liigoon erga waggoota gara 70 tahan mana hidhaatti dabarsee bahee, maalif bilisa bahuuf waggaa hamma kanaa akka eegeefi jireenyasaa hafe akkamiin dabarsuu akka yaade irratti ‘BBC World Service’ waliin turtii taasiseera.

Ani gonkuma qofaakoo hin turre, garuu qofaa galaan ture. Hamma danda’ame qofaakoo tahuun barbaada. Guyyaan qabamee hangan gadhiifametti waggoota hamma kanaaf kutaa tokko keessa qofaakoon ture.

”Waan akkasii namoota akka koo qofaa tahuu barbaadan gargaara. Ani nama takkaa mana hidhaa erga seenee balbala cufatee waanti barbaade alatti yoo tahe kan hin dhageenyee fi hin arginedha. Yeroo raadiyoo fi TV akka qabaannuuf nuu eeyyamame, sun filannookoo ture.

Joe Ligon
Ibsa waa’ee suuraa,Joe Ligon went to prison at 15 and was finally released aged 83

Haala hidhaa isaa kana hidhaa jireenyaa jedhanii waamuu wayya. Boquu isaa akka gadi cabsu, afaan isaa akka cufatu, balaa kam irraa iyyuu ala tahuun yeroo hidhaa isaa waggaa 68 keessatti mana cufaatti akka barate hima.

Yeroo mana hidhaa isaa kana irraa soorama bahus, guyyaa xumuraa sana namni achitti hafe jira jedhee homaa isa hin yaaddessine.

”Achi keessaa hiriyaa homaa hin qabun ture. Alaas hiriyaa homaa hin qabu. Irra caalaa namoota itti dhiyaadhu garuu akka hiriyootakoo tahanittan isaan ilaala. Rakkoo hin qabnu. Walif gaarii turre,” jedhe waa’ee turtii isaa yoo ibsu.

Garuu jecha hiriyaa jedhu hin fayyadamu. Filannoo jecha akkasii kun nama akka koof waan baay’eedha. Namootni baay’een akkas jedhu [yoo ati..] hiriyaadha taate dogogora gurguddaa baay’ee hojjechuu dandeessa.”

Philadelphia, 1950s
Ibsa waa’ee suuraa,Ligon jalqaba bara 1950 keessa gara Filaadelfiyaa deeme

Liigon akkasumaan nama qofaa jiraatudha. Birmiingahaam kutaa Alaabaamaatti maatii Akaakayyuu isaa biratti kan guddate yoo tahu, yeroosisi hiriyyoota hin qabu ture.

Maatii isaa waliin yeroo dabarsaa turee fi Dilbata irra ammoo maatii waliin waldaa keessatti yeroo akaakayyuun isaa biraa lallabu daawwachaa akka ture yaadata.

Haadha isaa narsii taatee fi abbaa isaa mekaanikii tahe, obboleessa isaa quxisuu fi obboleettii isaa waliin yeroo umuriin isaa ganna 13 ture kan gara Filaadepfiyaatti imaluun achi jiraachuu jalqaban.

Mana barumsaatti barreessuufi dubbisuu wallaaluun baay’ee rakkachaa ture. Akka hiriyoota isaa warra kaanii ispoortiis hin hojjetu, hin taphatus ture.

”Baay’ee hin bashannanu ture. Nama hiriyaa tokko yookaan lama qabun ture. Ani nama akkasiiti. Bakka namootni baay’een jiranis hin deemu.”

Joy Ligon abbaa isaa waliin
Ibsa waa’ee suuraa,Abbaan Liigon mekaanikii yoo tahu haati isaa ammoo narsiidha
1px transparent line

Gaafa Ligoon ”rakkoo keessa gale sana” Jimaata bara 1953 namoota isa waliin turanis hin beeku ture. Namoota akkasumaan beeku waliin wal argee isaan ammoo ollaa irra deemuun namoota dhuganii turan waliin walitti bu’aa turan.

Namoota maallaqa wayinii dabalataa ittiin dhugnuufi waan biraaf itti fayyadamnu akka nuuf kennaniif gaafataa turre…”

Halkinichi gara jeequmsaatti jijjiiramuun, innis keessatti hirmaachuun namootni lama yoo du’an jaha ammoo waraanamuun madaa’an.

Liigon nama jalqaba to’annaa jala oole ture. Buufata poolisiitti halkan sana eenyu akka isa waliin ture dhugaasaa himuu hin dandeenye.

Inumaayyuu namootan lamaan duraan beekuyyuu maqaa isaanii hin beekun ture. Maqaa masoo isaaniin beeka ture.”

Ligoon akka jedhetti, naannoo mana jireenyaa daandii Roodmaan irraa fageeffamuun buufata poolisii tokkotti fudhatamee guyyaa shan tursiifame.

Maatiin isaa isa dubbisuu deemanii yeroo dheeraaf dhorkamuun akka baay’ee isa aarsee tutre hima.

Namni yeroo sana umuriin isaa ganna 15 ture, Liigoon yakka ajjeechaan himatame. Yakka kana haalaa turus gaaffiif deeebii miidiyaa Ameerikaa PBS jedhau irratti godheen nama lama waraanuun isaanuu lubbuun akka oolan amanuun gaabbii itti dhagahmes ibseera.

“Poolisoonni jecha akka ani ajjeese agarsiisu akkan mallatteessuuf ibsu naaf kennuu jalqaban. Ani nama tokkoyyuu hin ajjeesne.”

Kibba Filaadelfiyaa
Ibsa waa’ee suuraa,Liigoon Kibba Filaadelfiyaa, maagaalaa hojjettootaa jedhamuun beekamtu keessa jiraata ture

Peeniselvaaniyaan isteetota Ameerikaa jaha bakkeewwan hidhaan namatti murame irraa dhiifamaan xiqqatu hin qabnedha.

Liigonis yakka balleessaa lama irratti dhiyaate dhaggeeffachuun abbaan seeraas balleessaa lama irratti argachuun yakki ajjeechaa sadarkaa jalqabaa irrayyi murame.

Ol adeemaan kun hidhaan umurii guutuu irratti darbuu mana murtiitti dhiyaachuun hin dhageenye ture. Hidhaa hammamiin akka adabame osoo hin bariin mana hidhaa gale. Sana boodas nama gaafatee bare hin qabu ture.

”Maal akkan gaafachuu qabullee hin beeku ture. Amanuuf baay’ee ulfaataa akka tahe nan beeka. Garuu dhugaa ture,” jedhe Liigoon. Akkan yeroof turu beeka. Garuu umuriikoo guutuu mana hidhaa keessa turuu waan jedhu homaa hin beekun ture. Hidhaa umurii guutuu dhiifama malee jedhus dhagahee hin beekun ture.”

”Ijoollee tahee hammam akkan miidhamen sitti hima. Barreessuuf dubbisuu hin danda’u. Maqaakollee sirriiti qubeessuu hin danda’u. Maqaan koo Joy tahuu nan beeka. Hamman yaadadhutti akkasitti akkan waamamaa turen beeka waan taheef.”

Liigon mana hidhaa kan seene burjaajja’aa malee sodaachaa akka hin taane hime. Waan guddaan sammuu isaa keessa tures dhimma maatii tahuu hime. ”Isaan irraa adda bahuu, qofaatti manni natti cufamuu.”

Akka hidhamaa AE 4126 tokkootti Liigoon mana hidhaatii bahuuf waggaa meeqa akka isa hafu gaafatee hin beeku. Waggoota 68darbaniif manneen hidhaa jaha keessa tureera. Jireenya hundumaa isaaniittiyyuu akka hidhamaa tokkootti itti madaquun dabarse.

”Barii sa’a 6:00 yookaan 12:00tti sagalee guddistuun hundinuu ka’a. Erga lakkaa’amnee booda sa’a 1:00 irratti cireen nyaatama. Sa’a 2:00 irratti ammoo gara hojiitti bobba’ama.”

Liigon yeroo tokko tokko mana nyaatni itti bilchaatuufi mana huccuun miicamu keessa hojjeta ture. Irra caalaan hojii isaa qulqulleessuu yoo tahu, jireenyi mana hidhaa akka adunyaa laa sana yeroo yerootti waan jijjiiramu hin qabu.

”Qoricha sammuu hadoochu hin fayyadamu, dhugaatii hin dhugu, waan akka namni wal ajjeesu godhus hin hojjedhu, akaksumas mana hidhaa keessaa miliquuf yaalee hin beeku. Namas hin rakkisu,” jechuun turtii isaa hima.

”Hamma danda’ametti nama gaarii taheen turuuf yaale. Manni hidhaa waan na barsiise keessaa tokko kaayyoo koo baruudha. Hamma danda’ametti rakkoon bakka jiruu fagaachuu.”

Liigoon erga hidamee waggaa 53 booda abbaan seeraa isaa isa arguu akka barbaadu itti himame.

Yeroo sana Peeniselvaaniyaan hidhamaa araara malee jiru 525 haaluma Liigon kanaan qaba ture. Kun US keessaa isa ol aanaa yoo tahu Filaadelfiyaan 325 qaba. Liigon isaan keessaa nama waggaa dheeraa hidhamedha. Gargaaraan abbaa seeraas isa qunnamuuf haala mijeesse.

Waa’ee hidhaa isaa kana hin beeku ture” jedhe Biriij, Waldaa abbaatii seeraa Filaadelfiyaa irraa.” Hamman ani isa argutti waan beeku tokko iyyuu hin qabu” ture jedhe. Kan nama dhibu garuu ammayyuu abdii hin kutanne ture, jalqabumaa qabee waanti tokko ni taha abdii jedhu qaba ture.

”Karaa kamiin akkasitti akka yaade hin beeku. Garuu tasumaa abdii hin kutanne. Taa’ee waanti tokko ni taha jedhee eeggataa ture,” jedhe.

Biraadilii S Biriijii fi Joy Liigon
Ibsa waa’ee suuraa,Liigon yeroo hundaa akka gadhiifamu abdii qaba ture jedhe abbaan seeraa isaa

Liigooniif wal arguun isaani waan ija isaa bane ture. Abbaan seeraa Biriij yeroo waraqaa ragaa adabbii isa irratti darbe ittiin falma ture itti agarsiisu, Liigoon yeroo jalqabaaf adabbii isa irratti darbe hubate.

”Guyyaan jalqaba adabame irraa jalqabee akka maleen miidhamaa turuun bare. Yeroo dhiifamaan hir’ifamu malee adabamuun koo heeraan ala tahuun hubadhe.”

Liigoon guyyaa tokko mana hidhaatii baha abdiin jedhu jiraatus, waggoota 15 itti aanaan ammoo murtoo nama hundaaf ulfaataa tahe murteesse. Carraa gadhiifamuu kennamuufis dide sababni isaa ammoo ” hordoffii umurii guuttuu” kan inni jedhu akka dhiyeessaniif hima.

”Boordiin dhiifamaa yeroo lama na daawwatan. Dhiifamaan bahuun waggoota muraasa dura waanuma ariitiin tahu ture jedhe. Yoo sun tahe umuriikoo guutuu hordoffii jalan jiraadha.

Osoo dhimmikoo dhiifama guutuun taheera tahee rakkoo hin qabu ture. Garuu akkas waan hin taaneefan dide.”

Bara 2016 Manni murtii Ol aanaa US , namoonni umurii guutuu hidhaman hundi irra deebiin akka adabaman jedhe. Waggaa itti aanu Liigoon hidhaa waggaa 35’n adabame. Waggaa baay’ee waan hidhameef yeroon sun akka ilaalamuuf iyyachuu danda’a ture. Abbaan seeraa isaa Biriiji akka iyyatu himus garuu ni dide.

Waayillan koo irraaa mormiin na mudate, bulchitoota mana hojii, hidhamtoota irraa, maaliif yeroo dhiifamaa kana hin gaafattu? jedhamuun jedhe Liigoon. Waan akkasii hin fudhadhu jedheen ture. Hamaa jedhamuu..hin barbaadu. Ammayyuu ani akka maleen hidhame, jedhe.

”Ani jechoota kana qofan fayyadamuu barbaada. Ani bilisa.”

Joe Ligon
Ibsa waa’ee suuraa,Ligoon

Abbaan seeraa isaa Biriij murto bara 2017 mormuun dhimmicha gara mana murtii federaalaatti fudhatee Sadaasa bara 2020 manni murtichaa murtoo kenneef.

Guraandhala 11 bara 2020 yeroo Biriij gara Montgomerii deemuun isa fudhachuu dhaqu namni man ahidhaa keessa hammas ture kun tasgabbaa’eema argachuu hime.

”Miira guddaa eegeen ture, ‘oh my god.’ Garuu inni sanas hin goone. Homaayyuu, diraamaa homtuu hin turre.”

Liigoon waggoota hamma kanaaf waanuma gochuu qabu hojjechaa ture. Yaada isaa matuma isaaf qofa eege. Erga gadhiifamee ji’a tokko booda, miira dinqisiifannaatin mana sirreessaa mootummaa Foonex keessaa bahuu isaa hime.

Akka waan hundumaan lammaffaa dhalachuuti. Sababni isaa waan hundumtuu anaaf haaraadha. Waanti hundumtuu, ammayyuu wantootni hunduu anaaf haaradha.

Konkolaataawwan haaraa tokko tokkon ilaale. diizaayinii konkolaataa ani duraan yeroon daandii irratti beeku sana irraa addadha. Gamoowwan dhedheroo kanneenan ilaale. Gamoon akkaas dheeratu duraan hin jiru ture.”

Kuni hundinuu haaraadh,” jedhe harka isaa gara manneenitti qabuun. ” Keessan jiraachaa jira. Jaalladheera, kun waan dinqisiisaadha- waanuma addaati.”

Waggootni 68 darban Liigon gatii kaffalchiisan. Dhiifama malee bilisaan gadhiifamuuf osoo eeguu waggoota hedduu akka dhabe beeka. Yeroo maatii isaa waliin dabarsu malu ture, baay’een isaanii ergasii du’aniiru.

”Mucaan obboleettiikoo Vaaleeriin yeroon mana hidhaa keessa jiru dhalatte, obboleettiinshee hangafaas yeruman mana hidhaa jiru dhalatte akkasuma mucaan obboleettishees mana hidhaa yeroon jiru dhalatte,” jechuun ibse.

”Maatiinkoo jalqabaa hundumtuu du’aniiru. Amma kan lubbuun jiru ana, Vaaleerifi haadha isheeti.”

Manguddoon ganna 83 waan eegaa ture sana qajeelfataa jiraatus ammatti garuu karoora xiqqoo qaba. Waan sirriitti beekutti qabamee jiraachuu barbaada.

”Waanuman umuriikoo guutuu gochaa turen ammas hojjedha. Hojii qulqulleessumaa naaf kennaa.”

Maddi: BBC

 130 total views,  1 views today

By Chala Dandessa

Name: Chala Dandessa. I was born in West Shewa Zone, Chobi District of Oromia Region, Ethiopia in 1989. Founder of Ethiopians Today Website Currently I am Lecturer at Jimma Teachers College. Peace and Unity for our country! https://ethiopianstoday.com

Leave a Reply

error: Content is protected !!
%d bloggers like this: