Amantii Pirootestaantii: ‘Kaaraatee kanan baradhe seexana baasuuf jecha miti’
<
p dir=”ltr”>
<
p dir=”ltr”>Iyyuu Cufaa tajaajilaa hordoftoota amantii warraa Wangeelaa ykn Pirotestaantii biratti raajii fi duuka bu’ummaan Itoophiyaa keessatti ka’an jedhame keessaa tokko.
<
p dir=”ltr”>Karaa waldaasaa ‘Kiraayist Aarmii Intarnashinaal’ jedhamu hundeessuun hordooftoota kumaatama horateera.
<
p dir=”ltr”>Haala tajaajila isaa ilaalchisuun waggoota lamaan dura turtii BBC tajaajilaa kana waliin taasifne kana ture.
<
p dir=”ltr”>Akkasumas karaa tajaajila fayyinaa kallattii TV ‘Kiraayist Aarmii’ jedhu darbutiinis ‘Kaaraateen seexana baasuu’ dabalatee wantoota hedduu raawwatuun namoota biratti mata duree haasaa ta’eera.
<
p dir=”ltr”>Lakkoofsi namoota tajaajiltoota akka Iyyuu Cufaa Itoophiyaa keessatti yeroo dhiyoo as dabalaa jira. Haguma lakkoofsi isaanii dabalu ammoo qeeqni adda addaas irratti ka’a.
<
p dir=”ltr”>Sobanii fayyiteetta namaan jechuu, ni sooromta, waan gaariitu siif ta’a jedhanii nama gowwoomsuu fi dibatawwan adda addaa nama fayyisu jechuun gurgurachuun qeeqa irratti ka’u keessaa muraasa.
<
p dir=”ltr”>Kanaa fi dhimmoota biraa ilaalchisee BBC’n turtii Raajii Iyyuu Cufaa waliin taasiseera.
<
p dir=”ltr”>BBC: Naannoo Uummattoota Kibbaatti tajaajiltoonni dibata raajii fi dhukkubsattoota fayyiisuun tajaajilan hedduudha. Ati kana keessatti attamiin of ilaalta?
<
p dir=”ltr”>Iyyuu Cufaa: Dhugaadha, ka’umsa raajootaafi tajaajiltoota hedduu kibba, anis achuma.
<
p dir=”ltr”>Tarii Waaqni waadaa qabaachuu danda’a. Kibbis ta’e Kaabni immoo kan Waaqaati.
<
p dir=”ltr”>Haa ta’u malee naannoo Waalaayittaa bakkan ani itti dhaladheetti abbootiin amantaa wangeelaaf jecha aarsaa olaanaa kaffalaa turan. Kana waliinis walqabachuu mala jedheen amana.
<
p dir=”ltr”>BBC: Raajonni sobaa baay’inaan akka ka’an wangeelarratti barreeffameera. Kanaafuu raajonnii fi tajaajiltoonni wangeelaa kunneen hundii kan dhugaatii?
<
p dir=”ltr”>Iyyuu Cufaa: Yeroo kana raajonni dhugaas kan sobaas ni jiraatu. Kan adda itti bahan garuu, gocha isaanitiin. Ani nama waaqaa hojii waaqaa hojjatuudha jedheen amana.
<
p dir=”ltr”>BBC: Maallaqa kafalchisuun namoonni dhugaa akka bahan taasifta, nama amantaa caalaa gara daldalaatti caalta jedhamta?
<
p dir=”ltr”>Iyyuu Cufaa: Dhugaadha namoonni maallaqa nuuf kanfaleera jedhan midiyaa hawaasaarratti gadhiifame ture.
<
p dir=”ltr”>Dhimmicha ifa taasisuun waan narra tureef anis deebii kenneen ture. Ani kanan dibamee akka namoota hidhaa seexanaa keessa bilisa baasuufiidha.
<
p dir=”ltr”>Kanaafuu kanfalchisee seexana iyyisiisuun maaliif? Kanfaltiin iyyisiisuun osoo guyyaatti miliyoona 10 ta’eeyyuu bu’aa qabeessa miti.
<
p dir=”ltr”>Namni ammoo kan isaaf bu;aa hinqabne hin hojjatu. Kanaafuu, dhugaa akka hin taane eenyu hubachuu danda’a.
<
p dir=”ltr”>BBC: Siin eenyutu Rajii jedhee si muude?
<
p dir=”ltr”>Iyyuu Cufaa:Biyya lafaa kanatti nama kan muudu nama ta’ulleen muudaan dhugaa garuu Waaqayyoo qofaadha.
<
p dir=”ltr”>Namoonni waldaa keessa nu dura turanis dibata nurratti mul’ate arguun abbaa wangeelaa, faarfataa ykn raajii jechuun mudaniiru.
<
p dir=”ltr”>Anis baay’ee kabajuu fi jaaladhuun Luba Bal’inaa Sarkaatiin raajii jedhamee mudameera.
<
p dir=”ltr”>Isaan dura bakka Boddittii jedhamuutti waldaan tajaajilaa tureen raajii (Nabiyyi) jedhame mudameen ture. Kana malee mataa kootiin ofi hin muudne.
<
p dir=”ltr”>BBC: Angaa’oonni ykn namoonni bebbekamoon waldaa keetti waaqeffatan jiru?
<
p dir=”ltr”>Iyyuu Cufaa:Maqaa isaanii himuun barbaachisaa ta’uu baatuus, eeyyeen kan hanga sadarkaa ministirummaa jiru.
<
p dir=”ltr”>Namni waan baay’atuuf taayitaan isaanii namoota waliin wal makanii akka galan kan dhorke jiru.
<
p dir=”ltr”>Kanaaf yeroo ‘VIP’ argadhe yeroon itti tajaajile jira. Akkasumas, ulfinni waaqayyoo aangoo kiyya caala jedhanii kan namoota kaan waliin waaqeffatanis jiru.
<
p dir=”ltr”>Biyya keenyaan alattis namoota aangoo olaanaarratti argaman kan akka pirezidaantii Sudaan Saalvaakiir masaraa seenuun kadhadheefi jira.
<
p dir=”ltr”>Akkasumas namoota gurguddoo gara waldaatti affeeree beeka.
<
p dir=”ltr”>BBC: Seexana baasuufi Kaaraatee maaltu walitti fide? Kaaraatee baay’ifta.
<
p dir=”ltr”>Iyyuu Cufaa: Ani Kaaraatee kanan baradhe seexana baasuuf jecha miti. Nama Kaaraatee jabaas miti. Nu birratti gama aadaa fi haaloota irratti hunda’uun wanti barame jira.
<
p dir=”ltr”>Waan barame sanaan waan adda ta’e qabattee yoo argamte namoonni ni ajaa’ibsiifatu.
<
p dir=”ltr”>Kan bitaa itti gales, kan itti gammades jira. Yeroo hunda Kaaraateen ykn iyyii bahis hin jedhu seexanaan.
<
p dir=”ltr”>Akkuma afuurri natti mul’iseen raawwadha. Fakkeenyaaf seexana maqaa Iyyasuusiin iyyii bahi jedhee ykn dhiituuf itti akeeke ykn mataadhaan dha’u dhiibbaa maal qabaata? Harkaanis miilaanis rukutee beeka.
<
p dir=”ltr”>Kana kanan raawwadhu ammoo, seexaan kan salphate ta’usaan fedhiin qaburraa ka’uun.
<
p dir=”ltr”>Kana malees kunis akka Waaqani qaama kiyya gutuutti fayyadamu kan agarsiisuudha.
<
p dir=”ltr”>Ana boodas tooftaa gara biraatii kanneen seexana abbooman ku’u danda’u. Kun tooftaa mataa kiyyaati.
<
p dir=”ltr”>Namoonni gocha kana mormaniis kuun innaafaan kaan isaanii ammo kitaaba qulqulluutiin ala jechuun ta’u mala.
<
p dir=”ltr”>Ani garuu kanneen kaalchoon adda haala biraatii kan seexana baasan yoo jiraatan jibba hin qabu.
<
p dir=”ltr”>BBC: Yeroo tokko tokkos eegdoota loltootaatiin dabaalamtee yoo deemtu mul’atta. Kun maaliif?
<
p dir=”ltr”>Iyyuu Cufaa: Bakka konfiraansii namoonni miliyoona tokko ykn lamaa walitti qabamniitti motummaan nageenya ummataaf jecha eegdootaa ramada.
<
p dir=”ltr”>Kanneen eegaman keessaa tokko ana, Waaqaa gadiitti na eegu. Namoonni baay’een akkan ani kaffaleefii fideetti fudhatu.
<
p dir=”ltr”>BBC: Namoota uffannaa poolisii uffatan walitti qabdee yoo ‘ani loltuu Iyyasuus’ faarfachiiftu viidiyoon agarsiisu tokko jira.
<
p dir=”ltr”>Iyyuu Cufaa: Inni erga konfiraansiin guyyaa sadii kutaa biyyaatti taasifne xumurameen booda tajaajila isaan itti gaafatamummaa isaanii bahuuf taasisaniif galateeffachuuf ‘kottaa isiiniifan kadhadha’ jechuun kanan gara waltajjiitti waameedha.
<
p dir=”ltr”>Sababiinsaas, mootummaafi biyyaaf kadhachuun waan narra jiruufiidha. Isaanis qaama mootummaa keessaa tokkodha.
<
p dir=”ltr”>BBC: Erga waa’ee mootummaa kaaftanii wayita ammaa kanattis hordoftoonni amantaa Piroteestantii aangoo motummaa olaanaa qabataniiru.
<
p dir=”ltr”>Kun siif hiikaa addaa qabaataa? Kanaanis Waaqayyoo biyyattii eebbiseera jettee yaaddaa?
<
p dir=”ltr”>Iyyuu Cufaa: Tibba kanatti ija diinaatiin biyyii diigamaa kan jirtu fakkaachu mala. Anaf garuu erga ministirri Mummee Dr Abiya gara aangootti dhufeen booda biyyi ijaaramaa jirti. Jijjirama olaanaatu dhufe.
<
p dir=”ltr”>Jijjiramni tokko oggganaan Waaqa beekuu fi sodaatu Itoophiyaa bulchuuf dhufusaati.
<
p dir=”ltr”>Osoo Abiyi gara aangootti hindhufiin dura ergaa mul’ataa Waaqayyoo natti mul’ise himeen ture. YouTube irratti argama.
<
p dir=”ltr”>MM kun gara aangootti akka dhufan waan waaqni natti dubbate himeera. Jeequmsiifi walitti bu’insi siyaasaa kunis bara kamittuu tureera.
<
p dir=”ltr”>Itoophiyaan garuu yoomiyyuu caalaa gara ulfina himameefiitti imalaa jirti.
<
p dir=”ltr”>BBC: Erga waa’ee badhaadhina Itoophiyaa kaaftee, ijaarsi hidha guddichaa abdii olaanaan irra kaa’amee kan xumuramu sitti fakkaataa?
<
p dir=”ltr”>Iyyuu Cufaa: Dhimmi amantaan dubbatu ni jiraata. Ani jecha amantii kennuun danda’a.
<
p dir=”ltr”>Ani akka dhunfaa kootti sadarkaa waldaatti pirojektoonni gurguddaan eegale jiru. Namoonni yoo ilaalan kan xumuraman kan hinfakkaane ta’us, ani garuu akka xumuramu nan amana.
<
p dir=”ltr”>Ni xumurama kanan jedhu ammoo, maallaqa waanan qabuuf osoo hintaane nama amantaa waanan ta’eefi amantaan abdii waan hundaa waan ta’eefiidha.
<
p dir=”ltr”>Akkasuma lagni Abbayyaas hidhamee ni xumurama jedheen amana.
<
p dir=”ltr”>Gama hordoftoonni amantaa Warra wangeelaa aangoo motummaa keessatti baay’achu ilaaluun ammoo, waan hordoftoota amantichaa ta’aniif qofa osoo hintaane, kanneen Waaqayyo beekaniifi sodaatan jechuun yoo dubbadhe caalaa natti tola.
<
p dir=”ltr”>Angaa’oonni kan dura turan waaqayyo wallaaluu isaanitiin aangoo isaanitiin namoota miidhuuf itti fayyadamaa turan.
<
p dir=”ltr”>Amma garuu aanga’oonni hordoftoota Pirotestaantii waaqayyo waan sodaataniifu hojii gaarii hojjatu jedheen amana. Ammas hojjataa jiru.
<
p dir=”ltr”>BBC: Ministira Muummee Itoophiyaa gara waldaa keetiitti affeertee beektaa?
<
p dir=”ltr”>Iyyuu Cufaa: Eeyyeen afeeree beeka garuu, hojiif gara biyya Xaaliyaanii deemu ture waan ta’eef hin dhufiin hafaniiru. Kana booda sagantaan tokko waan jiruuf achirratti nan affeera, akka dhufanis nan abdadha.
<
p dir=”ltr”>BBC: Osoo beekkamtii ammaa kana hin argatiin dura, jireenya akkamii keessa dabarte?
<
p dir=”ltr”>Iyyuu Cufaa: Osoon sadarkaa kanarra hin ga’iin dura karaadhuma ilmi namaa irra darberran darbee. Kanneen waa’ee kiyyaa hinbeeknees akkan waan waggoota sadii fi afur jidduutti gara kanatti dhufeetti ilaalu.
<
p dir=”ltr”>Garuu ani daandii baay’ee rakkisaa fi aarsaa olaanaa gaafatu keessa darbeen asi gahe.
<
p dir=”ltr”>BBC: Hordoftoota waldaa keetti waaqeeffatan heddu qabda. Osoo haalli dinagdee biyyattii fooyya’e namni hanga kanaa si leellisa sitti fakkaataa?
<
p dir=”ltr”>Iyyuu Cufaa: Biyya akka Ameerikaatti guddate keessattis osoo ta’ee akkan hordoftoota qabaadhu nan amana. Kunis namoonni kan waldaa kiyyatti waaqeeffataniif sababii falaasaama ykn yaalii kiyyaa hintaaneef.
<
p dir=”ltr”>Namoonni kan asitti waaqeeffataniif ayyaana waaqayyoof jecha. Kana malees, namoonni waan hiyyooman ykn hin baranneef miti kan waaqeeffatan.
<
p dir=”ltr”>Kun soba ta’uusaatiif ammoo abbootiin qabeenyaa olaanoon ana biratti waaqeeffatu.
<
p dir=”ltr”>BBC: Araboonni hedduun fayyuuf gara kee akka dhufan vidiiyoon ni agarsiisa. Dhuguma tajaajila keetiif jecha biyyoota Arabaatii kan dhufanii?
<
p dir=”ltr”>Iyyuu Cufaa: Amman beekuutti namni biyya alaa osoo karaa deemu asi gore hinjiru. Kan dhufan sagantaa qabsiifatanii tikkeettii muratanitu.
<
p dir=”ltr”>Biyyoota akka Iraan, Iraaqi, UAE fi Omaan irraa kanneen sagantaa keenya turjumaanaan dhaga’an ni dhufu.
<
p dir=”ltr”>BBC: Qabeenya attamii qabda?
<
p dir=”ltr”>Iyyuu Cufaa: Qabeenyaan kiyya inni hin lakkaa’amne fi hin qoratamne samiirraayi. Garuu abbaa qabeenyummaa biyya lafaatiin attamiin akkan ofi ibsu hinbeeku.
<
p dir=”ltr”>Akka waldaa hojii tajaajilaa hojjattuutti, keennaa,kurnoo fi mabaa(Duufa) ni kennama. Nutis isa walitti qabuun ittiin tajaajila kenniina.
<
p dir=”ltr”>Bakka waaqeeffannaa yeroo tokkichatti namoota kuma 14 qabachu danda’u baasii qarshii mil 97’tiin ijaaraa jirra. Waggaa tokko keessatti xumurame jennee eegaa jirra.
<
p dir=”ltr”>BBC: Kanaan alatti dhunfaatti qabeenyaa qabdu maal fakkaata?
<
p dir=”ltr”>Iyyuu Cufaa:Dhunfaatti qabeenyaan qabu konkolaataa tokkoodha.
<
p dir=”ltr”>BBC: Wangeela barsiisuu caalaa raajii fi fayyisuu irratti xiyyeeffata jedhama.
<
p dir=”ltr”>Iyyuu Cufaa: Dursa kan kenniinuuf wangeela. Bakka wangeelli hinjirreetti raajiin hinjiru.
<
p dir=”ltr”>BBC: Zayitii fayyiinaa qarshii hedduutti gurgurtu jedhama. Kun hangam dhugaadha?
<
p dir=”ltr”>Iyyuu Cufaa: Zayitichi bakkan ani gahuu hin dandeenyeetti geeffamuun namoonni akka ittiin fayyaniif qophaa’e.
<
p dir=”ltr”>Ameerikaa, Awurooppaa fi biyyoota Arabaa hunda seenaa jira. Biyya keessattis mana namoota hedduu gala jira.
<
p dir=”ltr”>Haata’u malee, namni waldaa dhufe hundinuu zayiticha fudhachuu qabaa jennee hinbeeknu.
<
p dir=”ltr”>Bilisaan garuu hinkennamu ,sababii waldaan warshaa zayitaa kan mataashe waan hinqabneefu. Akkasumas zayiticha saamsuuf horiin itti baheera.
<
p dir=”ltr”>Kana malees chaanaalii TV keenyaatiif ji’aan birrii kuma 640 kaffalla. Kiraa waldaa fi teessoo, akkasumas kaffaltiin tajaajiltootaa fi meeshaalee sagalee baasii olaanaadha.
<
p dir=”ltr”>BBC: Uffannaan kee adda, nama uffata siif hodhu kan dhuunfaa qabdaa?
<
p dir=”ltr”>Iyyuu Cufaa: Eeeyyeen dizaayinaroonni kiyya lammiilee Masriiti. Uffanni kiyyas achitti hojjatama.
Maddi: BBC Afaan Oromoo