Fri. May 20th, 2022

“Har’aaf jennee bor balleessu irra, boriif jennee kan har’aa haa dhiisnu”: Ergaa (guutuu) bagaa geessanii MM Abiyyi Ahimad


“…Warra lola facaasaniif, warra obboloota keenya gidduuti walitti bu’iinsa uumanuuf, madaa keenya hooqa warra nu dhiigsanuuf carraa haa kenninu. Nuti jaalala irraa jarri jibba irraa, nuti tokkummaa irraa jarri gargar ba’uu irraa…akka buufannu irraanfachuu hin qabnu.”
“Jaalalaan malee humnaan akka hin jilbeenfanne, dhugaa fi haqaaf malee horiin akka hin bitamne, kabaja fi dantaa biyyaa dabarsinee akka hin kennine seenaan keenya raga ba’a”
….


Baga Ayyaana Iid Al Faxirii 1442ffaan nagayaan geessan!
“Iid Al Faxirii”n ayyaana ji’a qulqulluu Ramadaanaa fi Ji’a Shaawol jalqabaa irra bu’u fi yeroo jiini soomaa itti raawwatu. Uummatni Musliimaa ji’a kana guutuu soomaa fi sagadaan, akkanumas hojii gaarii hojjachuun dabarsee Uumaa bira Miindaa dhumaa guyyaa itti argatu. Guyyaa Iid kanatti uummatni Musliima walitti qabamee Solaata Iid solaata. Kunis sababni itt ta’eef walitti qabamuu keessaa tokkummaan, walitti qabamuu keessa gamtaan, walitti qabamuu keessa jabinni jiraachuu agarsiisuufi. Amantaa Isilaama keessatti kophaa sagaduu irra jama’aan sagaduun Allah biraa miindaa harka hedduun caalu akka argamsiisu ni amanama. “Harki Allah namoota walitti qabaman gidduu jira” jechuudhaan barsiisi amantichaas ni hubachiisa.
Walitti qabamuun solaataa sagaduun eebba guddaa akkuma fidu, walitti qabamanii kaayyoo tokkoof hojjachuunis bu’aa dinqii jechootaan ibsamu hin dandeenye qaba. Walitti qabamuu keessatti wal-utubuun, walitti qabamu keesatti jabinni, walitti qabamuu keessatti michoomuun jira. Qaawwaan nama tokko nama biraan kan guutamu walitti qabamuu kana keessatti. Kophaatti salaatuun sababa adda addaatiin yaadni akka hatamee galatni Uumaaf ga’uu qabu guutuu akka hin taane waan taasisuuf barsiisi amanti Isilaamaa walitti qabamuun jumaa’aa sagadu jajjabeessa.


Iid Al Faxirii baranaa kan kabajnu biyyi keenya Itoophiyaan yeroo kamiyyuu caalaa qormaatni hedduun fuuldura ishee jiraachuu yaadaachaati. Bishaan daaknu booruu, karaan adeemnu ammoo qoree kan itti heddummatu ta’uu isaa ni beekna.
Karaa keenya irra warri gufuu ka’an, warri booddeetti nu harkisan, osoo abdii keenya ijaan hin argin akka kufnuuf humnoonni hundee dhaabbii keenya fonqolchuuf yaalan biyya alaa fi biyya keessaa jabaatanii yeroo nutti dhufan keessa jirra. Garuu dhugaan mormitootni keenya kun hin hubatne tokko jira. Jaalalaan malee humnaan akka hin jilbeenfanne, dhugaa fi haqaaf malee horiin akka hin bitamne, kabaja fi dantaa biyyaa dabarsinee akka hin kennine seenaan keenya raga ba’a Uummata haqa nama biraa hin tuqne, keessummaa harka jaalalaa keenya barbaadee dhufef kan kabajne kan ofitti fudhannu, warra godaananiif da’oo fi qabbana ta’uu keenya sagalee ragaan Nabiyyuu Mohammadi (SAW) fi hordoftoota isaanii irraa dhageenye hundaa ol ga’aa dha. Ashaaraa cululuqaan seenaa keenya keessatti keenyee dabarre kana yeroo hunda ifee jiraata. Nuti warra biro miti. Ilmaan abootii fi haadholee keenyaati malee. Kennaa abaabilee keenya maqaa gaarii fi jagnummaa ol nuu kaa’anii darbanii jabeessuf malee balleessuuf hin dhufne. Morkitoonni keenya hammam illee yaalii yoo taasisan kutannoon dhaabbachuuf murteessuu qabna. Yeroo hamaa akka solaata Iid walitti qabamnee duraa dhaabbachuun hanga tokkummaa keenyaa agarsiifnee jala darbuu qabna. Gamtaa keenyaan qormaatile nutti dhufan kan dabarru qofaa osoo hin ta’in carraaan Itoophiyaanota harka keenya malee harka nama biro keessa akka hin jirre addunyaatti mul’isu qabna.
Jaallatamoo lammiilee koo,


Akka barsiisi amantaa Isilaamaa agarsiisutti namni tokko bu’aa mataa isaa qofaaf yoo jiraate jireenyi nama kanaa hiikaa hin qabu. Hawaasni inni keessa jiru beela’ee inni yoo quufee bule, ollaan isee jeeqamee inni yoo nagaa ta’e, biyyi isaa rakkattee inni yoo itti tole, naannoo isaatti gochoonni cubbuu heddummatanii waa’ee qulqullaa’uu mataa isaa qofa yoo yaada ta’e, Allah biraa gonkumaa gara-laafina hin argatu. Inni qulqulluu ta’uun isaa biyyaa fi uummata yoo hin qulqulleessine, inni ol ka’uun isaa biyyaa fi saba ol yoo hin kaafne, milkaa’inni isaa biyyaa fi hawaasa milka’aa yoo hin taasifne Allah tajaajiluun qofti qulqullumaa hin kennisiisuuf. Inumaayyu namni of-duwwaaf jiraate tasumaa dhalachuun utuu itti hafe wayya jechuun hayyoonni amanticha ni dubbatu.
Haalli Itoophiyaan amma keessa jirtu jireenya dhuunfaa keenyaaf osoo hin ta’in jiruu waloo keenyaaf akka yaadnu nu dirqisiisa; hawwii dhuunfaa keenya irra nageenya waloo keenyaaf akka ifaajnu nu dirqisiisa. Sababa Hidhaa Haaromsaa fi filannoo achii asi adeemaa jiruun qorumsi biyyaa keenyaa heddummatee argaa jirra. Dhimmoota lammeen kana fiixaan baasuun ulaawwan milkaa’inaa laayyootti hin ilaalmne akka nuu banan ni beekna. Filannoo kana milkaa’inaan raawwachuun boqonnaa dimokiraasii haaraa akka nuu banu ifa. Raawwachuun Hidhaa Haaromsaas xomboora badhaadhinaa guddicha akka nu bobeessu lammiin Itoophiya biyya isaa jaallatu hunduu ni beeka.


Biyyi keenya rakkinoota baroota dheeraaf irra tuulama turan ofirra dhiibuun ishee hirkattummaa keessaa akka bilisa nu baasu, darbees ammo Gaanfa Afriikaatti fudhatamumma nuti qabnu guddisuun pirojektoonni lammeen kun shorri taphatan olaana ta’uu nu qofaa osoo hin ta’in morkitootni keenya bara dheeraa sirritti hubatanii beeku. Tuttuqaan yero yerootti nurra ga’us maddi isaa kanuma.
Tuttuqaa kana ofirra qolachuudhaaf lammiileen lakkoofsi jaraa laayyootti hin ilaalmnee fi fageessani yaadan waltajjiilee biyya keessaa fi biyya alaatti jagnummaa gurguddaa raawwachaa jiru. Dantaa waloo keenyaaf of kennanii morkataniiru, dhugaa qabnu addunyaatti himaniiru. Ifaajjiin jaraa bu’aa horiitti hin shalagamne hedduu biyyaa keenyaaf argamsiisus, ifaajjin jaraa qofti akka firii akka hin godhanne hubannee dhimma kana irratti hundi keenya walii birmachu qabna. “Walii galan alaa galan” akkuma jedhamu Hidhaa Haaromsaa fi dantaa biyyoolessa kanneen biro irratti dandeetti qabnuun gama keenyaan yoo qabsoofne humna rakkoo-barootaa biyyi keenya qabdu furu uumuu dandeenya.


Qulqulluu Quraanaa keessatti “Hundi keessan tokkummaan utuu gargar hin ba’in amanaa! Waan Allah isinii godhee hin irraanfatinaa, diinota isin miidhan yoo ta’an illee yoo Allahn jaallate, obbolaawwan isinii ta’uu ni danda’u” jechuun amantoota gidduutti tokkumaa fi jaalalli, wal gargaaruu fi wal deeggaruun barbaachisa ta’uunsaa ifatti barreeffameera. Hundi keenya amantaa siyaasaa gara garaa qabaachu malla. Biyyi nuti qabu garuu tokkitti dha. Ilaalcha gara garaa geggeesina ta’a, uummatni nuti qabnu garuu tokkicha. Rakkinnii keenyas tokko—hiyyummaa fi booddetti hafummaa! Hagamiyyuu seenaa guddaa qabaannu, hagamiyyuu uummata guddaa qabaannu; biyyoota diinagdee, dimokiraasii, teekinoolojii fi jireenya hammayyaa birootiin booddetti hafan keessaatti ramadamna. Dubatti hafummaa keenya kana keessa ba’uuf jalqaba wal haa jaallannu, biyya keenya haa dursinu. Guyyaa walii yaaduu jalqabnee fi biyya keenya jaallachuu jalqabne, gaafas amantiin keenya caalatti guutuu ni ta’a.
Nabiyyuu Mohaammad (SAW) Hadiisa isaani tokko keessatti, “Jaalalli biyya keetiif qabdu, qaama amantii kee keessa isa tokko” jedhanii akka turan yaadachuun barbaachisaa dha. Dabalaniis Nabiyyu Mohaammad (SAW) “ Daangaa irra utuu jirtuu, hirribaan utuu hin fudhatamin, biyya kee akka Allah barbaadutti eegi, kun eebba kamiinu irra gudda waan ta’eef” jechuu isanni hayyoonni amanticha ni barsiisu.


Jala bultii Ayyaana Iid Aalfaxiiritti waa’ee araaraa, waa’ee dhiifamaa fi waa’ee jaalalaa malee, waa’ee lolaa fi qoccolloo yaaduun rakkisaa dha. Guyyoota itti aananuttis waa’ee tokkummaa malee waa’ee gargar ba’uu akka hin weeddisne abdiin qaba. Ji’a eebbifamaa Ramadaanaatti eebbaa fi risqii, nagaa fi jaalala biyya keenyaatiif akkuma soomtanii fi kadhattan, guyyoota itti aananii dhufanittis biyyaa fi uummata keenyaaf du’aa gochuu keessan akka itti fuftan kabajaan isin gaafadha. Yeroo kanatti badii dhiisnee gaarummaa, jibbaa fi lola dhiisnee bakka isaa araaraa fi gara-laafummaa yoo biyya keenyatti moosifne gargaarsa duniyaa qofa osoo hin ta’in miindaan keenya jannataa heddumatanii akka nu eegan shakkii hin qabu.
Warra lola facaasaniif, warra obboloota keenya gidduuti walitti bu’iinsa uumanuuf, madaa keenya hooqa warra nu dhiigsanuuf carraa haa kenninu. Nuti jaalala irraa jarri jibba irraa, nuti tokkummaa irraa jarri gargar ba’uu irraa, nuti riqicha ijaaruu irraa jarri gimbii ijaaruu irraa, nuti biyya irraa jarri mandara irraa akka buufannu irraanfachuu hin qabnu. Har’aaf jenneen bor balleessu irra, boriif jennee kan har’aa haa dhiisnu.


Iid nagaa, gammachuu, abdii fi eebbaa akka isini ta’u hawwii kooti!
Iid Mubaarek!
Itoophiyaan ifaajji ilmaan isheetiin kabajamtee fi ulfaattee bara baraan haa jiraattu!
Uumaan Itoophiyaa fi uummatoota ishee haa eebbisu!
Eebila 4, bara 2013

Madda Suuraa: Waajjira Muummee Ministeeraa

 58 total views,  1 views today

By Chala Dandessa

Name: Chala Dandessa. I was born in West Shewa Zone, Chobi District of Oromia Region, Ethiopia in 1989. Founder of Ethiopians Today Website Currently I am Lecturer at Jimma Teachers College. Peace and Unity for our country! https://ethiopianstoday.com

Leave a Reply

error: Content is protected !!
%d bloggers like this: