ETHIOPIANS TODAY, ADDIS ABABA (FINFINNEE), ETHIOPIA:
383 total views, 1 views today
Oromiyaatti barattoonni qabxii 600 ol galmeessisan qarshii kuma 20 badhaafaman


Biiroon Barnoota Oromiyaa (BBO)n barattoota naannichaa barana qormaata biyyaalessaa kutaa 12fa fudhatanii qabxii olaanaa 600 ol galmeessisan 152 Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti badhaasaa jira.
Tokkoon tokkoonsaanii qarshii kuma 20 badhaafamaniiru.
Barattoota kunneen keessaa qabxii olaanaa galmeessisuun 1fa hanga 3fatti ba’an korniyaa lamaaniin Tabileetii ammayyaa’aa ‘S6’fi medaaliyaa badhaafamaniiru.
Manneen barnootaa raawwii olaanaa galmeessisuun 1fa hanga 3fatti ba’anis kompuutaraafi waancaa badhaafamaniiru.
Hogganaan birichaa Doktar Tolaa Bariisoo sirna eebbichaarrarti akka jedhanitti, barattoonni bara 2011 barattoonni naannichaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12fatti qabxii 600 ol galmeessisan 16 kan turan barana gara 152tti guddisuun danda’ameera.
Kun qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiilee naannichatti raawwatamaa turaniin bu’aa argameedha.
Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa gamasaaniin akka jedhanitti, barattoota 152 qabxii olaanaa galmeessisan keessaa 100f carraan barnoota alaa mijaa’eera.
Maddi: Dh.P.I
Follow us on:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UC8CrAEUV9Buhu1qaKgptscQ
Google News: https://news.google.com/publications/CAAqBwgKMMf5qQswuYTCAw