Wed. Oct 4th, 2023

Godina Guraageetti manni barumsaa mootummaa Naannoo Oromiyaatiin ijaaramuufi

May be an image of 3 people, people standing and grass


Naannoo saboota sablammootafi ummattoota kibbaa godina Guraageetti mana barumsaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin ijaaramuuf Pirezdaantii MNO Obbo Shimallis Abdiisaan dhagaan bu’uuraa kaa’ameera.
Manni barumsaa sadarkaa 2fa Gusbaajayi Aanaa Inaamoor Inaariitti bajata barbaachisu hunda naannoo Oromiyaan kan hojjatamee xumuramu ta’uus ragaan arganne ni mul’isa.


Hojiin Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin hojjatamuuf eegalame kun rakkoo mana baruumsaa dhabuun dheebuu barnootaa baasuu malees tokkummaafi obbolummaa ummattootaa cimsuuf kan yaadameedha.
Sirna dhagaa bu’uuraa kaa’uu kanarratti pirezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaafi Pirezdaantiin Naannoo Saboota, Sablammootafi Ummattoota Kibbaa Obbo Iristuu Yirdaawu waliin ta’uun, bakka aanga’oonni ol’aanoon naannooleefi fedeeraalaa, ummanni godinichaafi aanichaa danuun argamanitti sirnoota adda addaan dabalamuun kan kaa’ameedha.


Kutaaleen hawaasaa aanaa Inaamor Inaarii naannoo manni baruumsaa kun itti ijaaramu jiraatanis kanaan dura hanqina mana baruumsarraan kan namoonni qabeenya qaban fagaachuun barachuuf yoo carraaqan ilmaan harka qalleeyyii baayyeen adda kutuun gara daldalaa fi qonnaatti deebi’aa turan jedhan.


Yeroo ammaa kana Mootummaa Naannoo Oromiyaa fala rakkinichaa qabatee dhufeef ni galatteeffanna, kun immoo rakkinicha furuu qofa osoo hin ta’in saboota obboleewwanii kaleessarraa eegalee waliin warroomee jiraachaa ture caalaatti Obbolummaasaa kan cimsu ta’as jedhaniiru.OBNrraa odeeffanne.

May be an image of 2 people, people standing and outdoors

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply