Sat. Sep 23rd, 2023

Biiroon Barnootaa Oromiyaa Qormaata Madaalli Ga’umsa Ogummaa Qopheessuusaa beeksiise.

Qormaanni madaalli gahumsa ogummaa kun Wixata, Caamsaa 30 bara 2013 kennama jedhameera.

Galtee qulqullina barnootaa ta’u jedhamanii tarsiimoowwan ka’amanii gara hojiitti galaman keessa Qormaanni Madaalli Gahumsa Ogummaa isa tokko tahuu Biirichi eereera.

Tarsiimoon kun akka biyyaatti jalqabbi irra kan jiru tahus, hanqina isaa waliin bu’aa galmeessiisaa tarsiimoo jirudhas jedhameera.

Biyyoonni guddatan Qormaata Madaalli Ga’umsa Ogummaakanatti fayyadamuun bu’a qabeessa ta’aniiru jedhame.

Ogummaan barnootaa yeroo tekinooloojiifi beekumsaa addunyaa Jaarraa 21ffaa wajjin jijjiiramaa waan ta’eef, ogeessi barnootaas haaluma kanaan of fooyyessuuf dubbisuufi barachuu qaba.

Ogummaafi qaxarrii akka waan qabeenya olaanaatti ilaaluun ragaadhaan (professional certificate) yoo mirkanaa’e qofaadhas jedhame.

Qormaanni Madaalli Ga’umsa Ogummaa Caamsaa 30, bara 2013 barsiisotaafi Hooggansa Manneen Barnootaa buleeyyiif kennuuf qophii hundi xumurame qormaatni Godinaa fi Bulchiinsa Magaalotaa gahusaa Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.

Qormaata kana kan fudhatan Barsiisota dippilomaa 47,785 yoo ta’an. Barsiisota digirii ammoo 26, 785 tahu jedhameera.

Kana malees, Hooggansa Mana Barumsaa Sadarkaa1ffaa 1, 073fi
Hoggansa Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa 388 qormaati kun ni kennama.

Walii-galaan qormaata kana kan fudhatan ogeessota 75,583 tahuu fi buufata 193 irratti tahuun himameera.

Qooda fudhattootni hundi milkaa’ina qormaata kanaaf ga’ee isaanii akka bahan Biirichi waamicha dhiyesseera.

OBN

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply