Sat. Dec 9th, 2023

Loading

Lallabaan beekamaan Naayijeeriyaa TB Jooshuwaa umurii 57tti addunyaa kanarraa boqotan

Lallabaan Wangeelaa biyya Naayijeeriyaa akkaan beekaman TB Jooshuwaa ykn Temitope Balogun Jooshuwaa addunyaa kanarraa umuriisaanii 57n boqochuu waldaan isaanii SCOAN beeksise.

Oduun kun erga dhagahamee booda biyyasaanii Naayijeeriyaatti dabalatee biyyoota addunyaa kaanitti namoonni hedduun gaddasaanii ibsachaa jiru.

Waldaan isaan hundeessan Synagogue Church of All Nations (SCOAN) oduu gaddaa du’asaanii Dilbata ganama mirkaneessuun fuula Facebook irratti maxxanseera.

”Raajiin TB Joshuwaa dhaloota ittaananii dhufaniif tajaajilaafi wareegama Mootummaa Waaqayyoof dhiisanii darbaniin yaadatamu.”

Akka maxxansa kanaatti guyyaa Sambataa Waxabajjii 5, 2021 Raajiin TB Jooshuwaa, walgahii michuuwwan Emmanuel TV irratti haasawa taasisanii turan: ”Waanti hunduu yeroo qaba – kadhannaaf as dhufuufi tajaajilaan booda gara manaa deemuuf yeroo qaba.”

Waldaan isaanii dabaluun ”Waaqni tajaajilaasaa Raajicha TB Jooshuwaa manasaatti fudhateera – kunis fedhii uumaatin tahe. Yeroonsaa dachee kanarraa isheen dhumaa Waaqayyoo tajaajiluun dabarte. Kunis kaayyoo inni dhalateef, jiraateefi du’eeti.”

Akka waldaan isaanii jedhetti dubbiin dhumaa nama kanaa: ”Ilaalaa (hubadhaa), kadhadhaa,” kan jedhu ture.

Ministeerri Aviyeeshinii Naayijeeriyaa duraaniifi hiriyaan TB Jooshuwaa Femi Fani-Kayode boqochuu lallabaa kanaa mirkaneessaniiru.

Ji’oota lamaan dura lallabaa wangeelaa beekamaan kun haasaa jibbiinsa lallabeera jechuun YouTube irraa ugguramanii ture.

Lallabaan wangeelaa beekamaan kun namoota gay ta’an nan fayyisa jechuun lallabaa ture jechuun, dhaabni teessoon isaa UK ta’e ‘OpenDemocracy’ jedhamu himannaa irratti dhiyeessee ture.

TB Jooshuwaa eenyu?

Maqaa dhalootaa Temitope Balogun Joshua jedhamuun kan beekaman namni kun, Waxabajjii 12, 1963 kutaa biyyaa Ondoo Naayijeeriyaatti dhalatan.

Wayita ijoollummaasaanii mana barnootaa keessa ijoolleen ‘paastaricha xiqqaa’ jechuun waamu turan – sababa jaalala Macaafa Qulqulluuf qaburraa kan ka’e.

Raajiin TB Jooshuwaa paastariifi lallabaa karaa foddaa TV (televangelist) tahuun kan beekaman wayita tahu, hojiilee tola ooltummaa Naayijeeriyaarra darbee biyyoota garagaraatti hojjetuunis beekama.

Naayijeeriyaa keessatti sirna kadhannaa fi lallabaa isa guddicha gaggeessuun kan beekamu TB Jooshuwaa mana sagadaa guddaa hundeessuun karaa miidiyaalee ergaa wangeelaa dabarsa ture.

Yeroo tokkotti namoonni kumaatamaan lakkaa’aman sagantaa inni torbanitti magaalaa guddoo Leegoos keessatti qopheessu hordofu.

Lallabaan wangeelaa raajii ofiin jedhu kun bara 1990oota keessa gara dhumaa akkaan beekame.

Yeroo sana paastaroonni hedduun raajii hojjenna jechuun yeroo TV adda addaa irratti dubbatan ture.

TB Joshuwaa yeroo hedduu akka lallaboota warraa kaaniitti wayita sagantaa ”fayyinaatti” agarsiisa guddaafi nama hawwatu in agarsiisu jechuun namootni irratti qoosu turan.

Waldaan isaas dhibeewwan hunda irraa nama fayyisuu nan danda’a, raajii koo nan roobsa, jechuun isa dubbateen ija addunyaa keessa gale.

Keessattuu dhibee balaafamaa yeroo sanaa HIV/AIDS irraa nama fayyisuu akka danda’u wayita dubbatu addunyaan xiyyeeffannaa kenniteef.

Hordoftoota isaa biratti ”raajii” jedhamuun kan beekamu Jooshuwaan, TV amantii kiristaanaa ittiin barsiisu, ”Emmanuel TV” jedhamu hundeessuun isarratti lallabuu eegale.

Kana malees biyyoota Afriikaa akkasumas biyyoota addunyaa kanneen US, UK fi Kibba Ameerikaa keessa naanna’uun wangeela lallaba.

Maddi: BBC

Follow us on:

YOUTUBE  FACEBOOK   TELEGRAM    GOOGLE NEWS  TWITTER  INSTAGRAM   PINTEREST 

Subscribe and Follow us via Email

If you have any comment regarding this article contact us at contact@ethiopianstoday.com

 

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply