ETHIOPIANS TODAY, ADDIS ABABA (FINFINNEE), ETHIOPIA:
224 total views, 1 views today
Obbo Bulchaa Dammaksaa gumaacha damee qabeenya diinagdeen taasiisaniif kennaan Warqee laatameef

Baankiin Biyyaalessaa fi Awaash obbo Bulchaa Dammaksaan gumaacha damee qabeenya diinagdeen taasiisaniif badhaasa Warqee badhaasaniiru.
Baankiin Biyyaalessaa fi Baankiin Intarnaashinaalii Awaash mana jireenyaa obbo Bulchaa Dammaksaatti argamuun badhaasa kana laataniifiru jedhame.
Hayyuun diinagdee Maanguddoon umrii waggaa 91 obbo Bulchaa Dammaksaa baroota dheeraaf gumaacha damee qabeenya diinagdeen tajaajila laataa turaniif kennaan kun laatamuufii ibsameera.
Baankiin Biyyaalessa Ityoophiyaa warqee seenaa qabeeyyii hambaan qabamanii jiran yoo badhaasu, Baankiin Intarnaashinaalii Awaash ammoo waraqaa ragaa, Kaabaa fi meedaaliyaa warqee badhaaseera.
Sagantaa badhaasaa kanarrattis bulchaan baankii biyyaalessaa Dooktar Yinnaagar Dassee, Preezdaantiin Baankii Awaash obbo Tsahaay Shifarraa, haati warraa obbo Bulchaa, aadde Heelan Gabregzaabiheerii fi keessummoonni waamichi taasifameef argamaniiru.
Obbo Bulchaa Dammaksaan bara 1984 Baankii Intarnaashinaalii Awaash hundeessuun Indaastirii baankii dhuunfaa keessatti nama qooda olaanaa qaban ta’uu ibsameera.
Hayyuun Diinagdee fi Siyaasaa obbo Bulchaa Dammaksaan bultii ijaaranii turtii waggaa 54 keessatti ijoollee 6 horachuu danda’aniiru.
FBC
Follow us on:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UC8CrAEUV9Buhu1qaKgptscQ
Google News: https://news.google.com/publications/CAAqBwgKMMf5qQswuYTCAw