Wixineen Baajata Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan bara 2014 Birrii Biliyoona 124 akka tahu yaadi murii darbeera.”- Obbo Addisuu Araggaa.
Kaabineen Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa murtii adda adda dabarsuunsaa himame.
Kaabineen Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Marii Idilee geggeesseen murtiiwwan adda addaa dabarsuusaa Sadarkaa Pirezeedaantii itti aanaatti qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Addisuu Araggaa ibsaniiru.
Kaabineen Oromiyaa raawwii hojii karoora Mootummaa bara 2013 gamaaggamuudhaan kallattiiwwan xiyyeeffannoo 2014 irratti mari’atee mirkaneesseera jedhan obbo Addisuun fuula feesbuukii isaanirratti.
Wixineen baajataa bara 2014 Mootummaa naannichaa birrii biliyoona 124 akka ta’u yaada murtii dabarsuus himan.
Wixineen karoora baajataa kun kan bara darbee yeroo walfakkaatuu faana walbira qabamee wayita ilaalamu caalmaa guddina dhibbeentaa 29.3 akka agarsiisus eeran.
Maddi baajata kanaa irra caalaan galii kaffaltoota gibiraarraa irraa sassaabamu yaada keessa galchuun kan qophaa’edhas jedhan.
Karoorri galii naannichaa kana bara darbee waliin walbira qbamee yoo ilaalamu guddina dhibbeentaa 65’n akka guddatu karoorfameera.
Maddi baajataa Oromiyaa inni biraa deeggarsa Mootummaan Fedeeraalaa qamara Manni Maree Federeeshinii baase irratti hundaa’uun kennudha.
Bara darbe deeggersi Mootummaa Federaalaa kenne baajata walii galaa naanichaa irraa %63 kan qabu ture jedhan obbo Addisuun.
Bara kana garuu baajata walii gala irraa qoodni deeggarsa Fedeeraalaa % 55.5 tahu himan.
Kunis humni galii maddisiisuu Naannoo Oromiyaa guddachaa dhufuu isaa agarsiisa jedhameera.
Maddi baajataa inni kan biraan deeggarsa misoomaa dhaabbilee idil adunyaa irraa argamudha.
Humni raawwachiisummaa pirojeektootaa akka Mootummaa Naannoo Oromiyaatti dabalaa dhufuu isaatiin deeggarsi dhaabbilee idil addunyaa biraa argamus daraan dabalaa dhufeera jedhan obbo Addisuun.
Baajatni bara 2014 qusannaadhaan hojiirra akka oolu, akkasumas irra jireessi isaa pirojeektoota jiruu fi jireenya ummataa jijjiiraniif baasii akka ta’u Nanni Maree kun kallattii kaa’uusaallee eeran.
Haaluma kanaan baajata akka naannoo Oromiyaatti qabame kana keessa % 59 baajata kaappitaalaf kan oolu yammuu ta’u, kan hafe ammo baasii idileef oola jedhameera.
Kana malees, Kaabineen Oromiyaa Wixinee labsii Manneen Murtii Aadaa Naannoo Oromiyaa irratti mari’atee Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif akka dhiyaatuuf kallattii kaa’eera.
Ijaaramuun manneen murtii aadaa ulfaatina hojii manneen murtii idilee hir’isuun, ummanni horata aadaa qabutti fayyadamuudhaan haqa dhiyeenyatti akka argatu, ragaan sobaa akka hir’atuufi warra wal himatan gidduutti gadoon akka hin qabatamne gochuudhaan, hawaasa ammayyawaa uumuudhaaf bu’aa guddaa kan qabuudha jedhaniiru.
Maddi: OBN
Follow us on:
YOUTUBE FACEBOOK TELEGRAM GOOGLE NEWS TWITTER INSTAGRAM PINTEREST
Subscribe and Follow us via Email
If you have any comment regarding this article contact us at contact@ethiopianstoday.com