ETHIOPIANS TODAY, ADDIS ABABA (FINFINNEE), ETHIOPIA:
195 total views, 2 views today
Qajeelfamni gabaa Siimiintoo too’achuuf ba’e har’aa eegalee ka’uu ibsame
Qajeelfamni gabaa Siimmintoo too’achuuf ba’e har’aa eegalee ka’uu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksiise.
Adeemsi bittaa fi gurgurtaa Siimmintoo karaa bilisa ta’een akka gaggeeffamu murtaa’uu ibseera.
Komii gurgurtaa gabaa Siimminitoorra jiru furuuf jecha gara hojmaata gabaa bilisaatti akka deebi’u taasiifamuu Ministeera Daldalaa fi Indaastiriitti Daayreektarri qorannoo fi hordofii gatii meeshaalee daldalaa obbo Kaasahuun Mulaata himaniiru.
Waqtii gannaa fedhiin Siimmintoo hanga tokko kan hir’isu ta’uu isaan Oomishtoonnii, Raabsiitoonnii fi gurgurtoonni qinxaaboo gatii madaallawaan akka dhiyeessaniif waliigalteerra ga’amuu himaniiru.
Hanqina gama dhiyeessiin jiru furuuf dandeettii oomishtummaa warshaalee dabaluu fi alaa galchuuf mootummaan murteessuu ibsameera.
Hojmaanni gabaa bilisaa yeroo hin murtoofneef akka itti fufu murtaa’uu himameera.
FBC
Follow us on:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UC8CrAEUV9Buhu1qaKgptscQ
Google News: https://news.google.com/publications/CAAqBwgKMMf5qQswuYTCAw