Mon. Dec 4th, 2023

Loading

Waltajjiin Qorannoo raawwii hojii bara 2013 fi kallattii hojii bara 2014 irratti mari’atamaa jira

May be an image of 1 person and standing

Waltajjiin Gamaggama Raawwii Hojii bara 2013fi Kallattii Hojii bara 2014 Naannichaa iirratti Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jira.
Waltajjicharratti Pirezidaantii BMNO kabajamoo Obbo Shimallis Abdiisaafi Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu tasammaa dabalatee gaggeessitoonni sadarkaan jiran Naannoo hanga gadiitti irratti hirmaataniiru.


Haasawaa banisaa kan taasisaan Pirezidaantin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa akka ibsanitti”waggoottan darban dabalatee bara kana keessa rakkoolee hedduu akka naannoottis ta’ee akka biyyaatti mudataa ture hunda keessa darbuun injifannoon gurguddaan hedduun galmaa’eera jedhaniru’


Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa karaa nagaan raawwachuu,sassaabbii galii,xummura pirojeektii,Qonna Kilaasteraa karaa makaanaayizdii ta,een raawwachuu dhaabbii biqiltuufi qonna jallisii dabalatee akka biyyaatti guutinsi HHGI ta’uu ibsuun kunimmoo tasuma osoo hintaanee aarsaa barbaadamu kaffaluun ta’uu dubbataniiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Baadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa gamasaanitiin ” waltajjicha kan adda taasisu miira injifannoo gonfanneefi imaanaafi ba’aa uummatni keenya nutti kenne wayita fudhanne,duula dhaabbii biqiltuun riikardii haaraa galmeessineefi tibbanas uummatni daangaa hanga daangaatti bahuun Raayyaa Ittisa biyyaA cinaa dhaabbataa jirutti ta,uudha jedhaniiru.


Waltajjichi guyyoottan sadiif kana turu yoo tu’uu dhimmoota ijoo sadii jechuunis Gabaasa raawwii hojii paartii 2013fi karoora 2014,Raawwii hojii mootummaa 2013fi karoora 2014fi Raawwii hojii mootummaafi paartii keessatti injifannoo argameen Godinaaleefi Bulchinsa Magaalaa raawwii hojii gaarii qabaniif beekkamtin kan kennuudha.

Oromia Communication Bureau

Follow us on:

YOUTUBE  FACEBOOK   TELEGRAM    GOOGLE NEWS  TWITTER  INSTAGRAM   PINTEREST 

Subscribe and Follow us via Email

If you have any comment regarding this article contact us at contact@ethiopianstoday.com

 

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply