Sat. Sep 23rd, 2023

Zayinni nyaataa Liitirri miiliyoonnii 62 gabaaf dhiyaachuuf qophii ta’e – Ministeera Daldalaa fi Indaastiri

No photo description available.

Qaala’iinsa Gabaa muudatee hir’isuuf Zayinni nyaataa qulqullinaa isaa eeggatee liitirri miiliyoonni 62 gabaaf dhiyaachuuf qophii ta’uu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksiiseera.


Rakkoo Dhiyyeessiifi raabsa zayitii nyaataa waliin walaqabatee jiru furuuf oomishtootaa indaastirii zayitii nyaataa biyyaa keessaa fi alaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuu himameera.


Yeroo ammaa kanaa Zayitni nyaataa liitirri miiliyoonni 36.5 biyya alaarraa galaa jiraachuu Daayreektarri Dhimmoota Komunikeeshinii Ministeera Daldalaa fi Indaastirii aadde Ababaa Tammanee ibsaniiru.


Liitirri miiliyoonni 25.5 ammoo oomishtoota Indaastirii Zayitii biyya keessaan kan uwwifamu ta’uu himaniiru.
Zayinni kun karaa haqa qabeessa ta’een gama waldaalee shamattootaan hawaasaaf kan raabsamu ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Daldalaa fi Indaastiriirraa argame ni muul’isa.

May be an image of outdoors

Gabaasichi kan FBC ti.

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply