Sat. Sep 23rd, 2023

Itaamaajor Shuumiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Janaral Birhaanuu Juulaa Niishaani waraanaa olaanaa isa dhumaa badhaafaman.

Itaamaajor Shuumiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Janaral Birhaanuu Juulaa, Itaamaajor Shuumii Raayyaa Ittisaa biyyaa kan Jibuutii Janaral Zakaariyaa Sheehi Ibraahimin Niishaani waraanaa olaanaa isa dhumaa kan biyyatti badhaafamaniiru.

Sagantaa badhaasa kanarratti kan argaman hogganaan giddugala kabaachisa nageenyaa Leetenal Janaral Dastaa Abbichee Niishaanin mootummaa Jibuutirraa Janaral Birhaanuuf kenname Pireezedanti biyyattiin hayyamame kan kennameefi nishaani olaanaa isa dhumaati jedhan.

Badhaasa kana kan argataniis dandeetti hoggansaa cimaa agarsiisanifi duula seera kabaachisuun Raayyaan Ittisa Biyyaa gahumsa olaanaan akka raawwatuuf gaheesaanii bahaachuun biyyoota ollaa rakkoo cimaa isaan mudaterraa waan oolchaniifi jedhan.

Itaamaajor Shuumiin Raayyaa Ittisa Jibuutii Janaral Zakaariyaa Sheehi Ibraahim dandeetti hoggansaa janaralichaa dinqisifachuun wanta muudate ittisuun osoo danda’amuu baate Itiyoophiyaa bittinneessuun qofa kan dhaabbatu osoo hin taane biyyoota oollas kan diigu akka ture himaniiru.

Walitti dhufeenyi biyyoota lameenis cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.

Janaral Birhaanuunis mootummaafi uummata Jibuuti isaan badhaase galateeffataniiru.

Badhaasa kanaanis kabajni guddaan akka itti dhagahame himuun walitti dhufeenyi biyyoota lameeni cimee akka itti fufu himuusaanii Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply