Fri. Oct 4th, 2024
Сollaborator

Loading

Oromiyaan Guyyootan Afurtami Shan (45) dhufan keessatti maal hojjachuu kaayyeffatte?| Obbo Shimallis Abdiisaa PBMNO

“Guyyoottan 45 dhufan kana keessatti hojii gurguddoo afur hojjanna”
“Jimaa keessan gatii isin hin baasneti hin gurgurinaa…Namni qama’uu barbaade, gatii ga’aa nuu kennu qaba.”
“…Iddoo deeggarsaan uummatni jiraatutti, qamadii jal’isiidhaan misoomsanii arginee jirra. Kun hojii raajii, hojii ajaa’absiisa dha.” Pirezidant Shimallis Abdiisaa
…….
“Kabajamtoota abbootii Gadaa, abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa, hundaa ol immoo dhiiraa fi dhalaa utuu hin jedhin, daa’imni hundi qe’eetti utuu hin hafin, naannoo keessan misoomsuudhaaf, gootummaa gootummaa caalu agarsiisuudhaaf, Godina Hararghee Lixaa Aanaa Gammachiis irratti haala ajaa’absiisa ta’een hojii hojjattan kana asitti dhufee isin arguu kiyyaaf gammachuu natti dhaga’ame isinii ibsuun barbaada.
Gootonni akka Elemoo Qilxuufaa kan qabsa’an rakkoo uummata keenya irra ture, mirga abbaa biyyummaa mirkaneessuudhaafi. Qabsaa’onni durii qabsoo keenya nu bu’uressanii, injifannoo caalmaatti akka ceenu, uummatni keenya nagaa fi tasgabbiidhaan, badhaadhinaan akka jiraatuuf aarsaa kaffalan. [Kan] isaan aarsaa itti kaffalan har’a injifannoo isaa argannee, injifannoo isaatiinimoo misooma itti fufiinsa qabu, naannoo fi biyya tasgabbii cimaa qabu, diinagdeedhaan of danda’ee dhaabbate ijaaruudhaaf kaabaa-kibbatti, bahaa-dhihatti, Oromiyaa hunda keessatti hojii babal’aan hojjatamaa jira.
Guyyaa har’as rakkoo qabeenya uumamaa faana jiru hiikuudhaaf, hojii hojjatamaa ture xumursiisuudhaaf, guyyaa har’aa Amajjii 1 irraa kaasee guyyoota 45an dhufaniif Oromiyaa guututti hojiin qabeenya uumama ni hojjatama. Har’a asitti argamnee Oromiyaa guututti hojii hojjatamu, Aanaa Gammachiisitti, aanaa hojii qabeenya uumamaatiin fakkeenya ta’e, aanaa hojii ajaa’absiisaa hojjachaa jiru, uummata seenaa guddaa hojjachaa jiru kana gidduutti argamne hojii cimaa kana arguu keenyaaf, asumaanis asitti hojiin guyyaa afurtamii shanii Oromiyaa irratti labsamuu isaa ifoomsuun barbaada.
Oromiyaan badhaatu dha, garuummoo badhaatu miti. Akkaataan qabeenya uumama keenya itti qabne, Oromiyaa magariisa turte rakkoo akka galtu, biyyeen akka dhiqamu, gaarreen keenya qullaa akka ta’an burqaan akka badu gochaa jira. Kana dhaloonni kun deebisuudhaaf dirqama qaba. Dirqama qabeenya uumamaa keenya iddootti deebisuudhaaf hojii hojjatamu kana keessatti, keessattuu daagaa qotuu, akka bishaan konkolaatee hin deemne, biyyee hin dhiqne, garuu lafa keessa akka gadi seenu gochuudhaa fi akkanumas isa qonne sanammoo qabeenya uumamaatiin uffisuudhaan, akka bosonaa’u akka muka qabaatu gochuudhaan diinadgee keenya diinagdee amansiisaa gochuun nurraa eeggama.
Guyyoottan 45 dhufan kana keessatti hojii gurguddoo afur hojjanna. Inni tokkoffaan daagaa ijaaruudha. Akkaata ogeessonni ka’anin daagaa ijaaraa deemuudha. Inni lammaffaann biqiltuu ganna darbe dhaabbate kunuunsu dha. Biqiltuu ganna darbe dhaabbate keessaa dhibbantaan 89 hordoffii amma yoona godhameen Oromiyaa keessatti qabatee jira. Isa kunuunsuun nurraa eegama. Hojii inni sadaffaan biqiltuu ganna dhufu dhaabnuuf boolla biqiltuun itti dhaabbatu qopheessuu dha.
Barana dabalataan biqiltuu Biliyoona Afur (4 Bil) qopheesuudhaaf akka naannootti karoorfamee, akka biqiltuun kunuunfamu, biqiltuun ganna dhaabnu akka qophaa’u gochuu dha. Inni arfaffaan bishaan iddoo itti cimmisnu qopheessuu dha. Haroo bishaan itti cimmisnu iddoo hundatti yoo qopheeffanne jallisiidhaaf itti gargaaramuu dandeenya. Bishaan dhugaatiidhaaf itti gargaaramuu dandeenya. Qabeenya uumamaa eeguudhaaf itti gargaaramuu dandeenya. Kanaaf hojii haroo aanaa aanaa Oromiyaa keessa jiru hunda keessatti, aradda qabnu hunda keessatti haroo waliinii qotuun hojii nurraa eeggamu tokko jechuu dha. Kanaaf hojii arfan kana guyyoota 45 dhufan keessatti hojjannee qabeenya uumamaa keenya kunuunsuudhaan badhaadhina maatii Oromiyaa keessatti milkeessuudhaaf karoorfanne itti deemnu ciminaan hojiitti hiikuu danda’uutu nurra jiraata.
Guyyaa har’aa Hararghee Lixaa keessatti Qonnaan Bulaan Hararghee Lixaa, seenaa akka hojjataa jiru arginee jirra. Asitti kunoo seenaa guddaa hojjachaa jirtu, muka dhaabdan kunuunsaa jirtu, daagaa akkanatti bareedu ijaaraa jirtu.
Aana Bordodde, iddoo deeggarsaan uummatni jiraatutti, qamadii jal’isiidhaan misoomsanii arginee jirra. Kun hojii raajii, hojii ajaa’absiisa dha. Karaa kanaan jabaannee yoo waggaa lama, sadii hojjanne hiyyummaa seenaa gochuu dandeenya. Keessattu midhaan deeggarsaatiin jiraachuu qaanii keenya ofirraa kaasuu dandeenya. Uummatni keenyammoo qaanii kana akka ofirraa kaasu shakkii tokkoyyuu hin qabu.
Isinis asitti daagaa kana qotaa, gajjaallatti jal’isii baayyeen akka jiru dhageenyee jirraa. Jal’isiiwwan keessan kana hojjachaa keessattu qamadii irratti xiyyeeffattanii hojjachuudhaan, biyyaa keenya seenaa qaanessaa akka qabaattu kan godhe keessaa tokko qamadii biyya alaatii galchuu, deegarsaan jiraachuu, isa kana seenaa goonee, qamadii asumatti oomishnee asumatti itti fayyadamuu dhaan, galii fooyya’aa irraa argachuudhaan jiruuf jireenya keenya foyyeessuudhaaf jabaannee hojjachuutu nurra jiraata.
Dhaamsi biraa isiniif qabu waa’ee jimaati. Mootummaan Naannoo Oromiyaa jimaa irratti ciminaan hojjachaa jira. Jimaarratti hanqinni guddaan jiru qonnaan bulaan jimaa oomishu waldaadhaan ijaaramuu dhabuu isaatii. Waldaadhaan waan hin ijaaramneef gatii isaaf ta’u argachaa hin jiru. Kanaafu waldaa hojii gamtaadhaan ijaaramtanii jimaa keessan akka gatii isin baasu qofan akka gurgurtan asumaan dhaamsa isinii dabarsuun barbaada. Jimaa keessan gatii isin hin baasneti hin gurgurinaa. Maasiirra yaa taa’u. Namni qama’uu barbaade, gatii ga’aa nuu kennu qaba. Isinimmuu ciqlfachuu gabaabsaa, baayyee hin baayisinaa. Kana goonee, uumatni keenya gatii gaarii argachuu qaba.
Gatii gaarii qofti ga’aa miti. Isa gurgurtan ammo, qamadiis haa ta’u, kuduraaf muduraa haa ta’u, jimaa haa ta’u, gatii gurgurame argatame sanarra maallaqa argamu immoo qusachuuti isiniira jiraata. Qonnaan bulaan tokkoon tokkoon isaa akkawuntii [Herreega Baankii] qabaachuu qaba. Dabtara akkaawuntii qabaattanii yoo hin qusanneen ala hiyyummaa mo’achuun hin danda’amu. Hojjatanii nyaachuudhaan hiyyummaan hin moo’atamu. Hiyyummaan kan moo’atamu hojjatanii mallaqa argame sana qusachuudhaan. Qusannaa irraa kan hafteeni uummatni keenya jiraachuun kan irra jiraatu. Kanaafuu iddoo hundatti akka qusattan, akka jabaattanii maallaqa qabattan, isa qusattaniin ammo invastimantiitti akka ceetan asumaan dhaamsa koo dabarsa.
Guyyoottan afurtamii shanan dhufan kanatti kaabaa kibbatti baha dhihatti Oromiyaa guututti hojiilee hojiilee gurgudoo afran: daagaa ijaaruu, biqiltuu bara darbe dhaabbate kunuunsuu biqiltuu barana dhaabbatu immoo qophii barbaachisu gochuu akkanumas haroo qotuun utuu namni tokkoyyuu keessa hin harca’in jabaanne akka hojjannu asumaanin akeekkachiisaa.
Ogeessonni qonnaa, hoggantoonni baadiyyaa keessatti dhama’aa jirtan ammoo seenaa guddaa seenaa uummata keenyaa jijjiiru, gootummaa cimaa uummatni keenya mataan isaa ol jedhee akka inni jiraatu gochuu danda’u, uummata keenya qaaniifi kufaatii keessaa baasu hojjachaa waan jirtaniif isinillee guddaa galatoomaa, ulfaadhaa jechuun barbaada. Ogeessonni dirree qonnaa jal’isii irratti bobbaatanii hojachaa jirtan, keessattu Hararghee Lixaatti warri hojjachaa jirtan, Oromiyaa guutuudhaaf fakkeenya akka taatatn qabatamaadhaan arginee jirraa, kun hundumtuu iddoo hundatti bal’atee, jabaannee, Oromiyaa misoomsuu, jabaannee Oromiyaa ijaaruu jabaannee biyya keenya Itoophiyaa akkuma abbootii keenyaa tiskinee injifannoodhaan seenaa haaraa biyya kanaaf galmeesisnee, mataa biyya kanaa ol qabuudhaaf jabaannee akka hojjannuu asumaan dhaamsa koo isiniif dabarsuun barbaada.
Oromiyaan ni misoomti, badhaadhinni ni milka’aa, hiyyummaan ni awwaalamaa, uummatni keenyas jireenya qananiitti ce’aa deemaa, kanamoo kan mirkaneessinuu halkanii guyyaa hojjachuudhaan.
Baayyeen isin jaaladhaa, baayyeen isin kabajaa! Jabaadhaa! Galatoomaa!”
…..
{Haasaa Obbo Shimallis Abdiisaa Godina Hararghee Lixaa Aanaa Gammachiisitti Amajjii 1, bara 2013 taasisan)

For further information follow us on:
Facebook Twitter Telegram Instagram Google News

If you have any complain contact us at contact@ethiopianstoday.com 

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply

Сollaborator