ETHIOPIANS TODAY, ADDIS ABABA (FINFINNEE), ETHIOPIA:
244 total views, 1 views today
Guutuu Oromiyaaatti Gurraandhala 8-11tti hojjettoota Mootummaa kuma dhibba shanii oliif leenjii hubannoo gabbisuu ni keenama
Guutuu Oromiyaa keessatti hojjettoota mootummaa kuma dhibba shanii oliif leenjii hubannoo gabbisuu laachuuf qophiin xumuramuu isaa Hoogganaan Biiroo Paabliik Saarvisii Oromiyaa obbo Namarraa Bulii ibsaniiru.
Leenjiin kun Gurraandhala 8-11tti kan turuufi kaayyoon leenjichaa jijjiirama akka biyyaatti dhufe keessatti milkaa’ina argame akkamitti cimsuun hanqinoota jiran furuun jijjiirama biraaf hojjetan mootummaa akka of qopheessu taasisuuf akka ta’e oobbo Namarraan ibsaniiru.
Tajaajila uummataa kennamaa jiru caalmaatti fooyyeessuudhaan ittiquufiinsa hawaasaa daran cimsuuf irratti nimari’tama kan jedhan obbo Namarraan yeroo leenjiin kennamu kana keessatti tajaajilli hawaasaa akka hindhaabanne gochuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Follow us on:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UC8CrAEUV9Buhu1qaKgptscQ
Google News: https://news.google.com/publications/CAAqBwgKMMf5qQswuYTCAw