Namoonni dhuunfaan yakka cimaa raawwachuurratti bobba’anii turan 34 to’ataman
Magaalaa Finfinneetti namoonni dhuunfaan yakka cimaa raawwachuurratti bobba’anii turan 34 to’atamuu Komishiniin Poolisii magaalichaa beeksiise.
Namoonni dhuunfaan kunneen gareen gurmaa’uun meeshaalee waraanaan deeggaramuun yakka saamichaa dhaabbilee adda addaarratti raawwachaa turuu komishinichi ibseera.
Akkasumas yakka reebichaa cimaa qaqqabsiisuurratti kanneen bobba’an ta’uu himameera.
Garee sadiin gurmaa’uun iddoo garaagaraatti meeshaalee qaalii ta’an saamaa turaniiru jedhame.
Yaa ta’uutii magaalaan Finfinnee sodaa nageenyaa hammataa ta’e akka qabdu fakkeessuun miidiyaaleen hawaasummaa odeeffannoo sobaa tatamsasaa jiran gochicharraa of qusachuu akka qaban Komishinarri Komishinii Poolisii magaalichuu Geetuu Araggaaw hubachiisaniiru.
Filannoon marsaa 6ffaa karaa nagaan akka gaggeeffamuuf Komishinichi qophii ga’aa taasiisuu eeraniiru.
Maddi:-TOI