Sat. Sep 23rd, 2023

Filannoo pirezidantummaa biyya Jibuutiitti taasifame pirezidantiin biyyattii bulchaa jiran Ismaa’il Omaar Giile yeroo shanaffaaf irra aanan

Filannoo guyyaa Jimaataa taasifameen Giileen sagalee 98% yeroo injifatan morkataan isaanii Zakaariyaa Ismaali Faarah sagalee 1.59% argatan.

Morkataan tokkochi kuni gareen filattoota isaa buufata filannootti hin simatamne jechuun guyyaa kaleessaa ofii isaaniif sagalee hin kennine.

Filannoo kana olaantummaan kan gaggeessan Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa Jibuutii Mumin Ahimad Sheek lammiileen 177,000 sagalee kennuu himan.

Kanneen filannoo kana irratti hirmaachuuf sagalee kennan 200,000 ol turan.

Bara 1999 eegale aangoorra kan jiran Giileen maanguddoo ganna 73’ti. Filannoo ammaan waan irra aananif waggoota shan dhufanif biyyattii bulchuu danda’u.

Taajjabdoonni filannoo Liigii Arabaa irraa bakka bu’an wanti martinuu karaa naga qabeessa ta’een gaggeeffamaa jira jechuun kaleessa dubbachuu isaanii Ajaansi Firaans Pireesitu [AFP'tu] gabaaseera.

paartileen morkattootaa jajjaboo ta’an filannichi kan dhugaa osoo hin taane calliseedhuma fakkeessuudha jechuun dhiisanii ba’aniiru jedha gabaasni BBC.

Pirezidanticha waliin kan dorgoman nama Zakkaariyaa Ismaa’el jedhamu yommuu ta’an, daldalaa hedduu beekamaa hin taanedha. Meeshaalee qulqullinaa biyya alaatii galchuun daldalu.

Namni amma Omaar Gilee waliin filannoorratti dorgomaa jiran kun kanaan dura miseensa humna ittisaa turan.

Zakkaariyaa Ismaa’el hanga Amajji darbe filannoo irratti akka hirmaatu beeksisutti ummata biratti beekamaallee hin turre.

Jibuutiin ummata miiliyoona tokkoo gadi akka qabdu kan tilmaamamu yommuu ta’u, biyya xiqqoo taatulleen teessuma lafaa istiraateejikii ta’e waan qabduuf baay’ee barbaadamtuudha.Maddi:-BBC

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply